Xurree ittiin seenan

Breaking News

Meeksikoo Keessatti Balaan Baabuura Muudate


Magaala Meeksikoo siitii keessatti Riqiichii baabuurri irra keessaan irra deemaa turee cabuu isaan daandii namnii hedduminaan irra deemuu irratti lafa dhahee yoo xiqqaatee namnii 23 ajjeesee hedduu madeessee jira.

Bulchaan magaala Meeksikoo siitii Klaawudiyaa Sheenbaauum oduu gabaastootaaf akka ibsanti, sibiila guddaa riqiicha sana baatuutuu hojiin ala ta’e Baaburri riqiicha irraa gara lafaatti akk bu’e taasiise.

Yoo xiqqaate namoonni 65 madaa’uu imaltoonni yeroo sana baabuura sana keessa turan jedhamee amanama.Meeshaan baabuura kufee harkisee kaasuu kan dhufe yoo ta’u eega baabuurichi kaafamee booda namoota lubbuun hafan barbaaduun itti fuufa jedhamee jira.

Booda irra Kantibaan kun akka jedhanti namnii tokko Baabuuricha keessaa kan baafamee yoo ta’u kannen biroon caccabaa Baabuura sanaam keessa jiru jedhamee hin yaadamuu.

Balaan kun galgala sa’atii 4 daqiiqaa 25 irratti kan dhaqqabee ta’u fi Baabuuriichi Riqiicha lafa irraa ol ka’aa fi alatti kan mul’atu ture jedhu aangawoonni.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG