Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balaa Ibiddaa Los Aanjeles Keessatti  Haga Ammaatti Namoota Shan Galaafate To'achuuf Hojjtonni To'annaa Balaa Carraaqqii Cimaatti Jiran 


Balaa Ibiddaa Los Aanjeles Keessatti  Haga Ammaatti Namoota Shan Galaafate To'achuuf Hojjtonni To'annaa Balaa Carraaqqii Cimaatti Jiran
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:03 0:00

Balaa ibiddaa hamaa Yuunaayitid Isteetisi naannoo Loos Anjeelesitti ka’eeru kan hanga ammaatti lubbuu namoota Shanii galaafateeru, kan qarqara galaanaa Paasifiki irraa kaasee hanga Pasadenaatti barbadeessee namoota Kumaatamootaan lakkaa’aman mana isaanii gadhiisaanii akka baqatan taasiise to’annaa jala oolchuuf hojjettoonni ittisa balaa Ibiddaa Kamisa har’aas waldhaansoo wal qabaa jiru. Qilleensi hamaan Ibiddichi akka babal’atu taasiise hanga tokko kan tasgabbaa’e yommuu ta’u guyyaa kana hanga tokko humni isaa ni hir’isa jedhamee tilmaama.

Gaarreen Hooliiwood irratti Ibiddi haaraan Roobii kaleessaa ka’eeru bakka handhuura magaalittii fi hundee Indaastirii bashanannaa taate rukkuteeru nannoo olla ishee bakka namoonni heddumminaan jiraatanittimmoo haala qilleensaa buubbee fi goginsatu jira. Kutaa ittisa balaa Ibidaa Loos Anjeles irraa Kaapiteen Eriik Iskoot sa’aatiiwwan muraasa keessatti hojjettoonni ittisa balaa Ibiddaa ka’eeru kana dhaamsaa jiran to’achuu irratti fooyya’insi jira jedhaniiru.

Guyyaa tokkoon dura qilleensi buubbee Haariikeen qarqara gaalana Paasifiik akkasumas Altadeenaa kan hawwaasa Pasaadeenaatti dhiyoo jiru balaa Ibiddaan akka gubatu taasiise sababa qilleensa isaanis balalliin xiyyaaraa yeroo muraasaaf akka dhaabbatu taasifamuun hojii ittisa balaa Ibidda kanaatti gufuu ta’eera. Hanga ammaatis bala Ibiddaa Kanaan manneen 2000 ta’an biizinasiiwaanii fi bu’uuuraaleen misoomaa barbadaa’aniiru. Namoonni 130,000 ta’an baqatanii akka ba’an ajajini kan kenname yommuu ta’u balaan Ibiddaa kun kafa Iskiweer Kiiloonmetirii 108 kan hanga guutummaa magaalaa Saanfiraasiskoo ga’u barbadeesseera.

Kaalifoorniyaa gara Kibbaatti erga ji’a Caamsaa darberraa kaasee roobni roobee kan hin beekne yommuu ta’u goginsi ture kun balaan Ibiddaa kun akka babbal’atu taasiisera. Roobii kaleesssaa galgalas Kibba Kaalifoorniyaa keessatti namoonni 330,000 ol sababa humni aannisaa adda citeen dhamaatti turaniiru.

Forum

XS
SM
MD
LG