Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balaan Xayyaaraa Waraana Sudaan Naannoo Manneen Jireenyaa Jiranitti Dhaqqabe Namoota 46 Galaafate


Balaan Xayyaaraa Waraana Sudaan Naannoo Manneen Jireenyaa Jiranitti Dhaqqabe Namoota 46 Galaafate
Balaan Xayyaaraa Waraana Sudaan Naannoo Manneen Jireenyaa Jiranitti Dhaqqabe Namoota 46 Galaafate

Xayyaarri waraanaa Sudaan naannoo maneen jireenyaa jiran kan buufata xayyara waraanaa magaalaa guddoo lammataa Omdurmaan cinatti kufee caccabuu dhaan namoonni afurtamii ja’a du’u waajjirri sabaa himaa kan Kaartuum keessaa kan beeksise yoo ta’u maddeen waraanaa akka jedhanitti kanneen du’an keessaa tokko ajajaa waraanaa gameessatu keessatti argama.

Balaan kun kan dhaqqabe Kibxata kaleessaa galgala buufata xayyaaraa Waadii Sayidnaa Omdurmaan gama kaabaatti ture. Waraanni Sudaan akka jedhetti angawoonni waraanaa hedduu fi simiilonni balaa Kanaan du’uu beeksiseera, garuu ibsa dabalataa hin kennine.

Balaan xiyyaarichaa sababa rakkoo teeknikaa irraa kan ka’e ta’uu maddeen waraanaa himaniiru. Waajjirri miidiyaa akka beeksisetti namoonni 10 madaa’anii jiran.

Namoota du’an keessaa ajajaa olaanaa Kaartuum kan ta’an Meejar Jeneraal Bahr Ahimed tokko yoo ta’u, kanaan dura ajajaa waraanaa guutuu magaalaa guddoo biyyattii ta’uun tajaajilaa ka turan ta’uu maddeen waraanaa beeksisaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG