Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqataa Deebisuuf Walii Galuun Seera Addunyaa Cabsuu Hin Ta’uu ?


Lammiwwan Itiyoophiyaa Noorweey keessatti dahannaa siyaasaa gaafatanii hin simatamin hafan 417 gara biyya irraa dhessanitti deebifamuuf kan jiran ta’uu immigreshiniin Norweey beeksiase jira.

Kunis walii galtee dhiyeenya kana Motuummaa Noorweeyii fi mootummaa Itiyoophiyaa gidduutti tolfame irratti kan hundaa’ee ta’uu immigreeshinii Noorweey keessatti gorsaa waa’ee qunnamtii kan ta’an Asmund Eide ibsaniiru.

Lubbuu ofii oolfachuuf jecha gara biyya itti baqannee keessaa haala akkasiin baafamuun akkaan gaddisisaa ta’uu kan ibsan baqattoonni biyya Dimokratawaa fi qaroomaa qabdi jedhamtu Noorweey irraa kan eegamu miti jedhu.

Haala kana kan ilaaleen haawaasaleen lammiiwwan Itiyoophiyaa adda addaa kanneen Oslo keessaa walgahiif aanagawoota biratti waamamuu isaanii kan ibsan hogganaan ijaarsa hawaasa Oromoo Osloo obbo Saaqqataa Ittafaa walii galtee mootummonni lameen tolfatan irratti kan walii hin gallee ta’uu keenya ibsuu dhaan mormineerra jedhan.

Gabaasaa Guutuu MP3 dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG