Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqataan Afrikaa deemmaa du’aa fi jireenna qabduunb idiruun garba irra yaa'aa Awurooppaatti godaanuu fi godaanuuf falata


Migrants and refugees from different African nationalities sailing adrift on an overcrowded rubber boat, receive life jackets from aid workers of the Spanish NGO Open Arms in the Mediterranean Sea, international waters, off the Libyan coast, Friday,…
Migrants and refugees from different African nationalities sailing adrift on an overcrowded rubber boat, receive life jackets from aid workers of the Spanish NGO Open Arms in the Mediterranean Sea, international waters, off the Libyan coast, Friday,…

Warra seera malee biyyaa nama oofu jara Afrikaa ka jireenna wayyaa qabu barbaada yaa’u Iddoolaa Kanaarii Canary Islands qubsiisa.

Warrii lafa eegu ammoo garba Mediteraaniyaan lafa Ispeen keessatti qaqqaba.

Jireennii baqataa fi warra jireenna barbaada garba irra maruu olii gadi. Dhiyoo tanallee baqataa 49 bidiruun diqqaan tokkotti guuranii garbaa irra dadaaquutti jiru warrii lafa eegu dhaqqabee afaan balaatii guure.

Baqataa Afrikaa Awurooppatti jireenna dansaa barbaadu yaahu du’aa fi jireenna jidduu yaa’a.

Idoolaan Canary tun lafa Ispaanishiiti Afrikaa gama Kaabaati karaa Awurooppaatiin taakkanii abdatan.

Warrii horii guurratee biyya alaatit nama oofu kun karaa bubbee fi karfaffuu hamtuu qabu Afrikaa gama Dhihaatiin taakkee Ispeenittiin dabra achii ammoo Mediteraaniyana baqatee Atlaantik irraa yaa’a.

Hujiin Idoolaan Kanaarii tun ganna kana harka 520 dabalte. Jara jireennaan barbaada yaa’an keessaa nama 239ti dhumate.

Karaan kun karaa akka malee hamaa du’aa fi balaa guddaa qabu jetti Maria Greco falmituun mirga jara jireenna waryyaa qabu barbaad bisaan irra yaahuu.

Deemma garba irraa km 1000 durii kiraan doolara 2,377 baasa amma ammo gadi buusaniifii 951.Bidiruun nama itti guuran tun Morookoo fi Moritaaniyaa qofaa mitii Senegaali fi Gaambiyaallee hin kaha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG