Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattonni Ertraa Ajjeefamuun Akkaan Gaddisiisaa Dha : Filippoo Graande 


Komishinarrii waa’ee baqattootaa kan Tokkummaa Mootummootaa Filiippoo Graandee (Suuraa faayilii)
Komishinarrii waa’ee baqattootaa kan Tokkummaa Mootummootaa Filiippoo Graandee (Suuraa faayilii)

Itiyoophiyaa gama kaabaa keessatti mooraa baqattoota Ertraa Maay Eynii jedhamu irratti haleellaan samii irraa gaggeeffameen baqattoota Ertraa 3 ajjeefamuu isaaniin kan akkaan gaddan ta’u, komishinarrii waa’ee baqattootaa kan Tokkummaa Mootummootaa Filiippoo Graandee ibsanii jitu.

Baqattoota ajeefaman sadii kana keessaa 2 ijoollee ta’u akkasumas baqattonni kanneen biroon 4 madaa’uu odeeffannoon nu ga’eera jedhan.Garu haala lubbuuf isaanii sodaachisuu keessa waan hin jirreef dhaabnii baqattootaa ni wal’ansiisa jedhan.

Baqattonni qiyyaafat haleellaa ta’u hin qaban kan jedhan Graandeen walitti bu’iinsa jiru keessatti kanneen qooda fudhatan martii baqattoota dabalatee mirga sivilootaa akka kabajan,bakki qubsuumii isaaniif eegamuu akka qabaatu akkasumas dirqamnii addunyaan keessees akka kabajamuu gaafatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG