Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obboo Baqqalaa Garbaa Faa Harra Mana Murtii Federaalaatti Dhihaatan


Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Finfinnee(Kuusaa Suuraalee)
Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Finfinnee(Kuusaa Suuraalee)

Hiriira mormii Oromiyaa ji’a sadi ol deemaa jiruun walqabatee han hidhaman itti aanaa dura ta’aa paartii Kongireesii Federaalawa Oromoo Obboo Baqalaa Garbaa,obboo Dajanee Xaafaa fi Aaddee Fallaquu faa dabalatee namoonni 12 mana murtii olaanaa Federalaa Finfinnee, Araadaatti dhihate.

Mana murtii kanatti han argaman abukaatoon partii Kongireesii Federaalawa Oromo Obboo Wandimmuu Ibsaa akka jedhanitt, murtii itti gaafatamtoota kanaa caqasuuf seenuu dhowwaa ta'ullee maanguddoota akka obboo Bulchaa Dammaqasaa, waliin namoota 100 tahanittuu dhimma kana caqasuuf alatti eegaa ture.

“Anii fi miseensii gareen abukaatoo Kongireesii Federaalawa Oromoo (KFO) keessa tokko garuu dhiibbannee adara seera jenneetuma mana murtii san seenne,”han jedhan Obboo Wandimmun haala Oromiyaa keessa jirun wal qabatee miseensooni partii isaanii baayyeen fkn Ambootti namoonni 60, himannaa malee mana hidhaa adda addaa jirachuu dubbatan.

Manii Murtii Araadaa kun dubbii obboo Beqqelee fa caqasuuf beellama guyyaa 28 qabe.

Gabaasa guutuun kunooti.
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:33 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG