Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Farankattii Harkaa Qabu kana Fixnaan Anii fi Maatiinkoo Waan Taanu Hin Beeku’ Kooronaa fi Jiruu Baqattoota Oromoo Jibuutii


Baqattoota Oromoo Jibuutii keessa jiran
Baqattoota Oromoo Jibuutii keessa jiran

Dhukkuba Kooronaa ittisuuf murteen mootummaan Jibuutii fudhate nu baqattoota biyyatti keessa jiraatu hedduu miidhee jedhu lammileen Oromoo Jibuutii jiraatan. Keessumaa baqattoonni hojii humnaan bulan waan nyaannu dhabnee rakkataa jirra jedhu.

‘Farankattii Harkaa Qabu kana Fixnaan Anii fi Maatiinkoo Waan Taanu Hin Beeku’ Kooronaa fi Jiruu Baqattoota Oromoo Jibuutii
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:16 0:00

Sa’iid Adam Mohaammed Baqataa Oromoo Jibuuttii naannoo Barbaraa jiraatudha. Ganna Shaniif ka biyyas jiraachuu himee abbaan daa’ima tokkoo hojii humnaa hojjechuun maatiisaa akka bulfatu dubbate. Sa’iid haga yoonaa waan Kanaan duran kuufadheenin maatiikoo deeggaraa ture amma garuu kun na harkaa dhumnaan anii fi maatiinkoo eessa akka lixnu hin beeku jedha.

Sa’iid, ammaaf waan duraan yoo hojii hojjetee ol keewwateen jiraataa akka jiru dubbatee, faarankaan an xiqqoo ol kuufadhe kun na harkaa dhumnaan garuu maatiikoo garam akkan geessu hin beeku jedha.

‘Farankattii Harkaa Qabu kana Fixnaan Anii fi Maatiinkoo Waan Taanu Hin Beeku’ Kooronaa fi Jiruu Baqattoota Oromoo Jibuutii
‘Farankattii Harkaa Qabu kana Fixnaan Anii fi Maatiinkoo Waan Taanu Hin Beeku’ Kooronaa fi Jiruu Baqattoota Oromoo Jibuutii

Obbo Umar Sulxaan Huseen bara mootummaan dargii kufe biyyaa baqatanii Jibuutiitti galuu dubbatan. Ijoollee shan akka qaban himanii haalli jiru amma rakkisaa ta’uu dubbatan. Isaanis, dubbii isaanii keessatti sodaan kiyya guddaan Kooronaan du’uu utuu hin taane isa beelli manatti nu fixutu nu sodaachise jedhu.

Hedduun baqattoota Oromoo Jibuutii jiran, manaa bahuun erga dhorkamee torbee sadaffoof deemaa jechaan dubbatanii, mootummaan biyyattii lammilee Jibuutiif gargaarsa manaa manatti akka dhiyeessaa jiru; baqattootaaf garuu nami birmatu hin jiruu jechuun kamatan.

Galaana Diimaan gama Yemen keessa ka jiran godaantonni fi baqattoonni lammilee Itiyoophiyaa hedduun dhibumti Kooronaa kun mullachuun jiruu nutti hadheessee jedhu. Yemen Al Karaf Buufata Baqataa jedhamu keessa jirachuu ka dubbatan baqataan Oromoo tokko dhiyeenya kana yeroo Kooronaan mullate xiqqoo dursee warri Yemen Seenee magaalaa Sana’aa daandii gubbaa jiraataa turan lammileen Itiyoophiyaa hedduun hidhattootaan fuudhamanii deemanii bakka jiran hin beeknuu jedhan.

Kana malees baqataan kun buufatuma Baqataa Al karaf jedhamu kana keessatti dhibeen waa’een isaa hin beekamne tokko ka’ee baqattoonni hedduun rakkataa akka jiranis himanii jiru.

Akka baqattoonni himanitti dhibeen kun warra qabe mataa dhukkubbii, howwina qaamaa dabaluu, mogolee dadhabsuu fi qorra irratti mullisaa jedhan. Dhibee kanaaf waldhaansi waan hijirreefis nami hedduunis rakkataa akka jiru himan.

Ammas Yemen keessa lammilee Itiyoophiyaa hedduun harka warra seeraan ala nama biyyaa biyyatti dabarsaa jiruuttillee rakkataa jiru jedhu baqattoonni Oromoo Yemen jiraatan. Keessumaa manneetii hidhaa naannoo handaara Babil Mandeb, jiru keessatti hidhattoonni Yemen godaantota kumaan lakkaa’aman gidirsaa jiruu jedhu.

Akka warri keessa beeku VOA’f himetti (VOA jecha namoota kanaa kophaa mirkaneessuu hin danda’u) hidhattoonni Yemen naannoo Babel Mandeb manneetii hidhaa godaantota itti gidirsan hedduudha qabu. Kana keessa ka jiran haga kumaa jahaa akka tilmaamamus baqattoonni VOA’n buufata Al Karaf irraa dubbisee himanii jiran. Hidhattoonni kun warra mana hidhaa kana keessatti agate gidirsuufis mala

hedduu fayyadamaa jedhu warri raga bahu. Baqataan Oromoo Yemen jiraatan tokko nama Saawudii Ykn biyya bakka kaanii fira qabu yoo argan, ka hidhaa keessa jiru ajjeesanii, pilaastika qaamarratti gubanii qarshii gara Doolaara kuma sadii irraa fudhatuu jedhan.

Rakkoo baqattoonni Oromoo Jibuutiitti keessa jiran furmaatni maalii jennee Embasii Itiyoophiyaa Jibuutii jiru gaafachuuf yaallee turre; yaaliin keenya yeroo hedduu hin milkaayin hafe. Garuu Bakka Bu’aan Waajjira Waldaa Misooma Oromiyaa Damee Jibuutii jiruu obbo Mohaammed Ibrahim lammileen Itiyoophiyaa Jibuutii jiran kun akka beelarra hin buuneef Embasii duukaa mariirra jirraa jedhan VOA’f yoo dubbatan.

Waan lammilee Itiyoophiyaa yemen jiranii garuu ammas qaamni deebii kenneef hin jiru. Kanaan dura jalqaba ji’a Amajjii Sagaaleen Ameerikaa hidhattootni Yemen Lammilee Itiyoophiyaa 500 ol aggatanii mootummaan Itiyoophiyaas isaan gadi dhiisisuuf tattaaffii taasisaa akka ture gabaaasuunsaa ni yaadatama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG