Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bara 2021 Keessa Hidhaan Gaazixeessotaa Hammachuu CPJn Gabaase


Akka addunyaatti, baayyina gaazexeessota hidhamanii (Suuraa: CPJ)
Akka addunyaatti, baayyina gaazexeessota hidhamanii (Suuraa: CPJ)

Bara 2021 keessa addunyaa irraa lakkoobsi gaazixeessota hidhaa jiranii guddaa ta’uu gareen mirga gaazixeessotaaf falmu CPJn gabaasee jira. Seerawwan teeknooloojii fi nageenyaa haaraa tuquu dhaan Asia qabee hanga Awrooppaa dhaa hanga Afriikaatti kan jiran bulchitoonni hacuucaa oofan presii walabaa akkaan adamsaa jiran jedha gabaasi addaa daayiriktera gulaalaa CPJ Arlene Getzn ba’e.

Yoo xiqqaate gaazixeessonni 293 hidhaa keessa kan jiran yoo ta’u, kana keessaa kan Chaayinaa isa hamaa dha. Gaazixeessoonni yoo xiqqaate 24 waggaa kana sababaa gabaasa isaaniif jecha ajjeefamanii jiran. Kanneen biroo immoo 18 sababaa haalli isaa hin beekaminiin ajjeefaman.

Chaayinaa keessaa gaazixeessonni 50ni hidhaa keessa kan jiran yoo ta’u, Maynamaar keessaa fonqolcha mootummaa Onkoloolessa 1tti aansee tarkaanfii fudhatameen sadarkaa lammata irra jirti. Masrii, Veetnaam Beelaaruus illee wal duraa duubaan shanan isaanii biyya gaazixeessotaaf bakka hamaa ta’uun galmaa’aniiru.

Biyyootii uffee Sahaaraa gad jiran keessaa biyyoonni walabummaan presii kufaatiin akkaan isa mudate keessaa Itiyoophiyaa dha.

Muummichi ministeeraa Abiy aangootti erga dhufanii as Eertraatti aansuu dhaan Itiyoophiyaan biyya gaazixeessota hidhaatti darbitu keessaa taatee jirti. Erga lolli humnootii mootummaa federaalaa fi TPLF gidduutti jalqabee as gaazixeessonni hedduun biyyattii keessatti hidhamaniiru. Gaazixeessonni sagal hanga Muddee tokkootti hidhaa kan jiran yoo ta’u ja’a akkuma lolli hammaatee labsiin yeroo muddamaa labsamee qabee baatii Sadaasaa keessa hidhaman. CPJn waggaa guutuu dhiittaa mirga walabummaa presii hedduu galmeessee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG