Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barachuu Fi Ka Barate Ammoo Qalbii Qabaachuun Ummataa Tokkoo Bu’aa Buusa


Barnootii waan jireenna biyyaa tokkoo yayyabee miila gadi dhaabaa keessaa tokko.Bara qaroomii addunyaa lafatti baafate kanatti ammoo wannii barachuu caalte hin jirtu.

Akka porofeesser Gufuu Obaatti, namii barachuu qofaa mitii ka baratelleen qalbii qabaachuu faaydaa guddaa qabdi, “namii waan hojjatu cufaatti qalbii qabaatee hojjachuu garaa biyya keeyyatanii hojjachuu jechuu.”

Ka qablii qabu ufi bira dabree nama hedduun bu’aa taha “namii wa baratu akeeka namaa taha ka irraa wa baratan taha.”

Porofeesser Gufuun namii wa barate kaaniin akkamiin fkn taha ykn maan irraa baratan jennaan, “namii wa baratu ufi diqqeessa,…gosa ufitti gadi deebihee gargaara,namii kun ufi duraa duuba argaa,nama ufii ka hin beenneelle wa barata,na ufiillee wa barsiisa.”

Dhalootii baranaa ka waan abbootii fi haawwan isaa qofa baruma baraan faarsu qofaa mitii,ka sun irratti yayyabamee isaayyuu itti abdatan tahuu male tanaan maan jetta jennaan porofeesser Gufuun, “dhalootii ammaa kun ufitti kophaa hin jiru…abbootii teennatti asiin nu gahe,nuun kun cuftii aadaa qamna..nami wa baratee aadaa ufi lakkise jennaan,waan ufii gatee jennaan barnootilleen guddoo wa hin bahuuf…maan jennaan gama cufaa walti qabachuu male.Ka durii beettu irratti wa dabalatta malee ka qabdu gattee waan haaraa barachuu hin dandeettu”

Akkuma nafii namaa nyaataa dhugaatii fedhu namilleen mataa isaa soorachiisuuf wa dubbisuu ufi leenjisuu male porofeesser Gufuun.

Mee MP3 tana irraa waan porofessor Gufuu gaafanne caqasaa.

XS
SM
MD
LG