Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barattoonii Yuniversitootaa Tigraay Turan Walloo fi Affaariin Galaa Jiru


Faayilii - Yunversiitii Addigiraat
Faayilii - Yunversiitii Addigiraat

Barattoonii yuniversitootaa Tigraay keessattii barachaa turan naannichaa gad lakkisanii miilaan walloo dhaa fi affaariin akka galaa jiran himaneera. Akka gabaasa Gabaasan VOA Masfin Araagee ibsetii,

Hospitaalaa Hayidar isa Maqaleetii hargamuu keessatii baruumsaa shaakalii irra kan turan barattoon barana eebifaman dabalatee barattoonii 30n miilaa fi konkola’ataadhaan imalanii magaala Dassee gahaniiru.

Dhabiinsa tasgabbiitiin kan ka’ee baruumisii ergaa addaan cite booda mooraa man baruumsaa keessaatii degertoota fi mormitoota mootummaatiin wal qoodinsii waan umameef barattootaa keessatii muddamnii dhalachuu isaatiif akka dhiiftee baate Hordoftuu baruumsa fayyaa kan taate baratuu Meelat Bayyanaa ibsiteetii.

Ergaa waraanii mootummaa federaalaa Tigraayin gad lakkisee bahee barattoonii yuniversitoota Tigraay keessaa jiraan miilaan karaa naannoo Affaar bahaa jirachuu isaanii VOAn mirkaneefateeraa.

Mooraa mana baruumsaatin ala warren jiran jiraatonii naannoo tigraay gargaarsa isaan godhaniif barattoonii kun galateefachuun isaanii gabasameera.

Ministeerii saayinsii fi baruumsa ol aanaa ergaa fuulaa marsariitii isaa irrati tibbanaa dabarseen, barattoonii akka haala nagaa keessa jirani fi qormaataa seemisteeraa lammaffaatiif qophaawaa aka jiran ibsuun isaa ni yaadatama.

Barattootaa Tigraay keessaa bahaa jiran biroo haasofsiisuudhaaf akka bilbilaa isaanii argaachuu hin dandeenye, akkasumas ministeerii sayinsii fi baruumsaa ol aanaa imoo dhiyeenyaatii midiiyaa hunda waaminee ibsa kennina malee kopha kophaatii ibsa hin keninu waan jedheef deebii argachuun akka hin danda’amne gabaasaan VOA ibseeraa.

Maatiin barattootaa ammayyuu akka ijoolleen isaanii deebi’anuuf waamichaa dhiheesaa jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG