Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barattoonnii Yuuniversitii Maqalee "Haala Nageenyaa Gaarii Keessa Jira," Jedhan


Faay-lii - Yunversitii Maqalee
Faay-lii - Yunversitii Maqalee

Barattoonnii Yuuniversitii Maqalee keesatii barachaa jiran haalaa nageenyaa gaarii irra akka jiraan VOAtii himaniiru.

Gabaasaan VOA Mulugeetaa Atsebahaa kan hasofisiisee barattooni kun akka jedhanii, erga mootummaan feederaalaa Tigraayiin gad lakkisee bahee as tajaajila baankii fi bilbilaa dhabuu iraa kan hafe rakkoon biraa akka isaan hin muudane dubbataniiru.

Baratootaa kana keessaa barataa Tewodiros Shuraa akka duraanii ta’uu dhabaatus kaafee dhaa nyaata argachaa akka jiran dubbatee, barattoonii mooraa inni keesaa jiru keesaa jiran akka qormaata fudhachhudhaaf qophaawa jiran himeeraa.

Naannoo Gambeelaa irraa deemtee barumsaa digirii lammaffaa kan fudhachaa jirtu Ojuluu Ota’o , erga mootummaan federaala bahe gara as jalqabaa sodaan akka ture dubatee, yeroo amma garuu haalii mooraa keessa jiru tasgabaa’uu isaa himtaatti. rakkoon guddaan amma jiru waan manii baankii hin jirreef maalaaqa harkaa dhubuu, akkasumasii waan tajaajillii bilbilaa hin jirreef maatidhaa wajiin wal qonamuu dadhaabuu akka ta’e dabaltee ibsiteetti.

Baraataan Fiqaaduu Dammaqa jedhamuu akka jedheeti, ituu haalii mijatee barattoonii maatii isaanii biratii boqonaa fudhataanii yemuu haalii caalaa tasgabaa’u deebi’anii gaarii akka ta’e dubatee, barattoonii tokko tokkoo kutaa baruumsa keessa taa’nii waa’ee maatiitif akka boohan dubateeraa.

Naannoo oromiyaa irraa kan Maqalee dhaqe barataa Gaaddisaa Maammoo gama isaatiin waan tajaajillii bilbilaa hin jirreef barattoonii hedduun yaaddoo keesaa akka jiran dubbatee yeroo amma baruumsa itti fufudhaa fi qormaataa fudhaachuu ittuu hin ta’in, baratoonii hunduu kan barbaadan boqonnaa fudhatanii maatii isaaniitin wal arguu akka ta’e himeera.

Tigraay keesatii tajaajillii ibsaa bakka tokko tookootii deebi’uu isaa kan ibse gabaasaan VOA Mulugeetaa Atsebahaa tajaajillii geejibaa naanicha keesaas akka jalqabame gabaaseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG