Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barattoonni Yunivarsitii Debaarq Gara Finfinneetti Imalaa Turan Shawaa Kaabaa Keessatti Hidhattootaan Butamuun Himame


Barattoonni Yuunivarsiitii Debaarqi qaamoolee hidhataniin butaman ammayyuu hin gadhiifamiin jiru jedhame.Torbaan darbe gaafa Wiixataa Barattoonni Yuunivarsiitii Dabaarqirraa boqonnaaf gara maatii isaaniitti galaa jiran baay’inni isaanii dhibba tokkoo ol ta’an gaafa Roobii Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa Magaalaa Garba Gurraachaatti dhiyootti qamoolee hidhataniin butamanii fudhatamuu bar attoonni biroon imala kanarra turre jedhan Sagalee Ameerikaatti himaniiru.

Barattoota butamanii fudhataman kana waliin imalarra turre miliqne hafne kan jedhan barattoonni sagaleen Ameerikaa dubbiseeru Awutoobisii guutuun Yuunivarsiitii Dabaarqirraa gara Finfinneetti imalaa kan jiran gaafa guyyaa sadaffaa Godina Shawaa Kaabaa naannoo magaalaa Gabra Gurraachaatti hidhattoonni waraana bilisummaa Oromoo ta’uu shakkina jedhan bosona keessaa ba’uun isaan waliin Awutoobisiin barattoota imalaa turan ukkaamsuun reebicha irratti raawwachaa gara bosonaatti fudhatanii deemaniiru. Qaamonni ukkaamsaa kana raawwataniif gara maatii barattootaatti bilbiluun qarshii hanga miiliyoona tokkoo akka kaffalaniif gaafachaa jirus jedhaniiru.

Barataa Yuunivarsiitii Dabaarqi ta’uu kan himuu fi Imala kanarra barattoota butaman waliin kan ture jalaa miliquu kan dubbatu garuummoo maqaan koo akka hin himamne kan jedhe, gaafa waxabajjii 23, bara 2016 guyyaa Wiixataa Yuunivarsiitii Debaarqi irraa Awutoobisii lama guunnee gara Finfinneetti imalaa turre guyyaa sadaffaatti yommuu naannoo magaalaa Garba gurrachaa ga’an hidhattoonni bosona keessaa ba’an kan Afaan Oromoo dubbatan akka isaan dhaabsiisaniifi imaltoota reebaa fudhatanii akka deeman himeera.

Hidhattoonni kunneen Walumaa galatti Imaltoota Awutoobisoota deddeebisa Uummataa Sadii akka butanii fi isaan keessa lama guutummaa guttuutti barattoota Yuunivarsiitii Debaarqi kan fe’eeru tokkommoo Uummata imaltoota biroo kan fe’eeru akka ta’e barataan biraan tokko sagalee Ameerikaatti himeera.

Dhimmicha ilaalchisuun bilbila harkaa Itti gaafatamaa waajjira Nageenyaa godina Shawaa Kaabaa Obbo Salamoon Abbebee irratti bilbiluun gaafanneef barattoonni gaadhiifamaniiru ergaa gabaabduu kana qofa dubbachuun bilbila isaani cufaniiru.

Jiraattuu naannoo Kibba Itiyoophiyaa ta’uu ishee sagalee Ameerikaatti kan himteef maqaan ishee akka hin himamne kan gaafattee namni tokko Obboleettiin ishee warra butamanii fudhataman keessa jiraachuu ibsitee bilbila gara isheetti bilbiluun obboleettii ishee gadhiisiisuuf maallaq lakkoofsi isaa guddaa ta’e akka ishee gaafatan sagalee Ameerikaatti himteetti.

Dhimma kanarratti gama waraana bilisummaa Oromootiin Dubbii himaa idil Addunyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Obbo Odaa Tarbiirraa Deebii argachuuf yaaliin taasifne nuuf hin milkoofne.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Debaarqi Dr. Asmaamawu Zegeyyee barattooni butamuu quba qabna hordofaas jirra jedhanii gochichi kan raawwatame naannoo Oromiyaa keessatti waan ta’eef ministira barnootaa gaafadhaa jedhaniiru. Ministira barnootaarraas deebii argachuuf yaaliin taasifne hin milkoofne.

Itiyoophiyaatti Ambaasaddarri Yuunaayitid Isteetisi Eerviin Maasingaa Wiixata har’aa fuula miidiyaa hawaasaa Face book irratti ergaa barreeffamaa maxxansaniin maallaqa argachuuf jecha barattoota fi namoota nagaa ukkamsuun dhaabbachuu qaba jedhaniiru.

Dura ta’aan dhaaba Kongireesii Federaalawaa Oromoo Piroofesar Mararaa Guddinaa Gochicha irratti qaamooleen hedduun akka hirmaatan himanii qaama walaba ta’een qoratamuu qaba jedhaniiru .

Barataa Yuunivarsiiti Dabaarqi waggaa Arfaffaa ta’uu isaa kan himee fi warra butamanii fudhataman keessaa tokko kan ture amma kan gadhiifameeru hidhattoonni isaan butanii fudhan kunneen Afaan Oromootiin waa’ee Shanee beektuu jedhanii akka isaan gaafatanii fi warra afaan Oromoon deebisan akka gadhiisan himeera jechuun Asteer Misgaanawutu Baahirdaar irraa gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG