Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barattootii Itoophiyaa Chaayinaa Yuniversitii Teknooloojii Wuchaangi jiran koronaa baqachuuf geejjiba eegachuutti jirra jedhan


Yuniversitii Teknooloojii Wuchaangi baa 2016
Yuniversitii Teknooloojii Wuchaangi baa 2016

Nama kuma hedduutti vaayireesii Koronaatiif jedhee Chaayinaa baqachuutti jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:11 0:00

Vaayireessiin Koronaa Chaayinaa dhufe haga ammaatti nama kuma kurnya hedduu irratti arganii dhiba hedduu galaafate. Ogeeyyotii fayyaa itti wal gargaaranii qorsa itti barbaaduutti jiran. Mootummaalleen doolara miliyoona hedduu baasee faluutti jira.

Biyyootii hedduulleen nama isaanii Chaayinaa baqachiifachuutti jiran. Chaayinaa yuniversitii Wuchaangi barattoota kuma hedduu achi baratan keessaa 80 tahan barattoota Itoophiyaati.

Tana keessaa ijoollee 20 qoramaaa fixanii adoo dhukkubii kun hin dhufin Chaayinaa bahan 60 ammoo adoo jarii achi jiru dhukkubii sun dhufe.

Barataa Yohaannis Solomoon yuniverstii teknooloojii Wuchaangitti barataa injineeringi ganna sadeessooti.

Guyyaa lamaa sadii keessatti achii bahuuf fala argachuu hin oollu jedha

Akka innii jedhetti amma yuniversiti keessaa gadi bahuun dhowwaa dallaa yuniversii keessaa ammo dhukkubi kun afuuralleen waan dabruuf namii afaan hidhatee,harkaa wa itti naqatee nafa dhoffatee yaa’a jedha.

Akka jecha isaatti vaayireessiin kun haga ammaatit yoo walti deebisan guyyaatti nama 70tti du’a nama kuma 31 caala irratti argan jedhe Yohaannis.

Yuniverstii Wuchaangi ijoollee 15 tahanitti keessa jiraata tana keessaa ijoolleen Afrikaa gara 200 caala.

Ijoolleen Chaayina qahee ufiitti galanii amma ijoolluma Afrikaa faatti achitti hafe.

Koronaan hafuuraan namatti dabra akka mala muranitti dhukkubii kun bineensa alaa nyaatan ka akka bofaa,raaree fi waan akkanaa kana irraa dhufuu hin oolu.

Malii amma jiru nafa ufi qulqulleessanii yoo waan ufi shakkan qabaatan akimii dhaquu qofa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG