Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommii La Liigaa Barselonaa fi Real Madriiditti Qabxii Guddoon Dura Jira


Dorgommiin La Liigaa BBVA,dorgommii Waldaan Kubbaa Miilaa Spanish baruma baraan qopheessu.Atileetoa addunyaa irraa doolara miliyoona hedduutiin bitatanitti walti dhufee taphata.Taphii bara 2012 Haga 2012 jalaqabanii Waxabajjii 2013 dhuamta.Haga ammaatti garee Real Madriidii fi Barselonaatti qabxii guddoon dura jira.Namii goolii hedduu galchee dura jiru Lionel Messi taphataaa Barseloonaati.

Dorgommii tana garee 20tti wal irraa fuudhee taphachuutti jiraa taphattoota hedduu horiin bitatanii taphachiifachuutti jiran.

Gama kaanii ammoo mootummaan Itoophiyaa atileetota dorgommii Olympikii London moohatan,leenjsitootaa fi,warra dorgommii Olympikii London ta 2012 waan hedduun gargaaree badhaasa Qarshii kuma dhibba hedduu qoode.

Namii tokkeessoo bahee ka akka Tikkii Galaanaa fa warqiin galee makiinaa Qarshii kuma 900 caalu kenneef,warra lammeessoo gara qarshii kuma 100 caaltuu qoodee sadeessoo fi abreessoollee badhaase.

Taatullee nama tokkeessoo fi lammeessoo bahe horii guddaa hagana wal caaluun kennuun warrii itti hin gammadinilleen hinuma jira.

Obboo Naasir Laggasaa,itti gaafatamaa Sab-Qunnamtii Koomishiinii Ispoorti Federaalaati.
”Biyyitii tokkoo warqii meeqa argattee malee meetii argattee jedhanii addunyaatti hin jajamtu…tanfuu namni sekondii fi maaykiroo sekondiinillee wal caalee warqii argannaan badhaasa guddaatti isa eegata.”

Atileetotaa fi Ispoortii biyyattii jajjabeessuuf akka jecha obbo Naasiritti Jiddu Gala Ispoortii Finfinnee jaaramee dhumachuutti jiru dabalee waan hedduutti hojjatamuutti jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG