Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barreessaa Dardara Kitaabota Shan Maxxansiifate


Oromiyaa keessatti barnootni Afaan Oromootiin kennamuu eega jalqabee, Fulbaana fuul-dura keenyaa waggaa digdama guutuuf jira. Dhaloota yeroo sana barnoota jalqaban yokaan barattoota sadarkaa Tokkoffaa turan keessaa yeroo ammaa, Dooktoroota, Injiinaroota, Hayyoota Seenaa, Hayyoota Dinagdee, Barreessotaa fi ogeessota toora beekuma adda addaa kanneen tahan hedduu dha.

Misgaanuu Gulummaa
Misgaanuu Gulummaa

Kanneen keessaa tokko haasofsa kan amma Yunivarsitii Amboo keessatti barsiisaa, qorataa fi barreessaa waa’ee hog-barruu fi afaan Oromoo ta’ee jiru, Misgaanuu Gulummaa Irranaa ti.Kan umuriin isaa digdamii saddeet illee hin guutiin, Misgaanuun, kitaabota shan barreessee maxxansiisee jira.

Hog-barruu fi Afaan Oromootiin, digirii isaa tokkoffaa, Yunivarsitii Jimmaatti, ka lammaffaa immoo Yunivarsitii Finfinneetti barate. Kitaabonni isaas qorannaa hog-barruulee fi malawwan waa barreessuutti ka fuuleffatan. “Yeroon barataa Yunivarsitii turetti, rakkoo kitaabota wabii nu mudataa ture tu akkan kanatti fuuleffadhu na taasise” jedha. Gara fuul-duraatti, karaa qorannaa fi barreeffamaa aadaa fi Afaan Oromoo sadarkaa Addunyaatti beeksiuuf illee mul’ata qaba. Sadarkaa hog-barruun Oromoo irra jiruu fi amala waa dubbisuu Oromiyaa keessaa irrattis ilaalcha isaa nuuf ibsee jira.

Gaaffii fi deebii guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG