Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barumsa Saayinsiitii Injineeringii Guddisuun Egerii Biyya Tokkoo Jireessa


Dhalootaa fi guddinnilleen baaddiyaa Oromiyaa, ta lafa diraa ykn magaalaa irrallee fagooti. Rakkoo name baaddiyaa keessa bahee baratu cufa keessuma dabaraa asi gahe.Dr.Demmellaash digri qaraa doktorummaa horiitiin University Finfinneetii,digrii lammeessoo Food Safety ykn ammoo qulqullummaa nyaataatii fi barumsa PhD- University Osloootii fixate.

Dr.Demmellaash amma University Arizona Tuscon jirtutti qorannoo bioterrorism ykn dhukkuba nama irraa horiitti ykn horii irraa namatti dabru qorachuutti jira. Dr.Dammallaash,gara ganna shaniitin duratti barmusa Scholarship ykn biyya alaatti barachuu dorgomee argatee Oslo dhufe.Yoo Oslo baratu sunitti,barreeffama qorannoo dotorummaaatiif nama qopheessu, fala somba horiitiin wallaanan dhahee,barreeffamii isaa Medcal Journal irra baheef.Hujiin Dr.Demmellaash tun waan hedduu irratti baate.

“Ani yoo hedduu barmumsa kiyya qalbii,jaalalaa fi gammachuu guddoon barachaa bahe.Wannii Amerikaa fi Awurooppaallee guddisee asiin gahe bamrusa,ijoollee faana teenna jiranilleen rakkoon jiraattullee jabaadhaa baradhaa jedha.”

Tana malee Dr.Demmellaash akka namii barmusa saayinsii,herregaa fi Teknooloojiitti jabaatee guddatu gorsa,abdiin biyya tokkoolleen tanumaa jedha.

Dr.Demmellaash adoo barataatuu University Arizona ta USA jirutti young scientist ykn saayisnttii amma hujiin guddachuutti jiru jedhuun qorannoo dhukkuba horii irraa namatti ykn bineensa irraa namatti dabru qorachuutti jira.Qorannoo bioterrorism jedhan tana barana jalqabe.

Mee waan nu Dr.Demmellaash gaafanne marii tokkeessootii fi marii lammeessoo MP3 computera keessan gama gararroo harka mirgaa jirtu irraa caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG