Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bashaar Alasaad Haleellaa Godhameen Hin Rifanne, Sirumaa Siriyaa Tokkoomsa Jedhan


Prezidaantii Siiriyaa Bashaar Alasaad yeroo humna waraanaa biyyatti dubbisan

Prezidaantiin Siiriyaa, Bashaar Alasaad, abboota-siyaasaa Raashiyaa waliin walga’ii geggeessan irratti ennaa mul’atan waan haleellaa sanaan rifatan hin fakkaatan turan. Namaoota siyaasaa Raashiyaa prezidaant Alasaad wajjiin walga’an keessaa tokko – Dimitrii Sabliin, hoogganichi Siiriyaa kan haleellaa sanaan hamleen isaanii hin cabiiin tahuu eeran. “Haleellichi daran Siiriyaa tokko taasisa” jechuu isaaniilee dubbatan.

Ijoollee haleellaa keemikaalaatii saaxilaman keessaa
Ijoollee haleellaa keemikaalaatii saaxilaman keessaa

Gama biraatiin, haleellaa keemikaalaa prezidaantiin Siiriyaa, Bashaar Alasaad, biyya ofii keessatti geggeesse- jedhame adabuutti ka fuuleffate haleellaan gamtaa biyyoota gama dhihaa eega Siiriyaa irratti geggeessamee booda, akka Raashiyaan yaalii araaraa godhamutti hirmaattu Faransaay dhidhiibaa jirti.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG