Xurree ittiin seenan

Breaking News

Beelaarus Looltonni Ishee Akka Humnootii Raashaa Gargaaran Gochuuf Jirti Jedha Oduun Tikaa


Beelaarus Looltonni Ishee Akka Humnootii Raashaa Gargaaran Gochuuf Jirti Jedha Oduun Tikaa
Beelaarus Looltonni Ishee Akka Humnootii Raashaa Gargaaran Gochuuf Jirti Jedha Oduun Tikaa

Michuu Raashaa kan ta’an Hogganaan Beelaaruus Aleeksaandar Lukasheenkoo waraana isaanii kuma 48 waraana Raashaa jajjabeesuuf jecha sa’atilee ykn guyyoota muraasa keessatti gara Yukreenti kan erguuf jiran ta’u eegamaa jira jechuun odeeffannoon Tika kan Yunaaytis hubachisee jira.kaabaan haleellaa Kiyeev irratti akka gaggeessan kan taasiftee yoo ta’u, wal waraansa kana keessatti humnootii addaa kan Beelaaruus muraasatu keessatti hirmaate jedhamee amanama.

Garu Raashaan dura dhabannaa hin eegamiin Yukreen biraa waan ishee mudateef jecha, akkasumas Kiyeeviin to’achuu waan dadhabaniif jecha prezidaant Putiin michuu yeroo dheeraa kan taate Beelaaruus akka waraana ishee ergitee jajjabeessitu gaafatan fakkaata jedhamee jira.

Humnootiin Beelaaruus waraanni Raashaa Kiyeeviin akka to’atuu jajjabeessuu qofa otoo hin taanee, yukreen Kaaba dhiyaa fi waaltaa keessattis magaala daangaa kan taate Liviiv lafa namoonni baqatan kuma kurna hedduun gara Polaanditti ce’uuf guyyaa lama eegaa jiran dabalata sodaa jedhutuu jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG