Xurree ittiin seenan

Breaking News

Beelaaruus Dhimma Ijoo Ta’an Irratti Jijjirraa Gootee Jirti


Pirezdaantii Beelaaruus, Guraandhala . 27, 2022.

Belaaruus har’a caalmaa sagaleen meeshaalee Nuleeraa biyya ishee keessaa akka ka’aman akkasumas, humnootii Raashaa haala dhaabbataa ta’een deggeruuf murteessite jirti.

Seerrii ijoo duraan ture jijjiramuun kun, isa duraan Beelaaruus gam tokkoof iyyu hin loogdu jedhu kan dukkaneessee yoo ta’u, Raashaa waliin immo wal ta’iinsa waraanaa jabaa akka qabaattuuf karaa saaqe.Raashaan humnootii ishee Beelaaruus keessa kan Qubachiifte yoo ta’u boodas akka isaan gara Yukreenti qajeeluun Kamiisa dabree weeraran ergite.

Erga kufiinsa biyya tokkummaa Soviyeetii durii as lafa Beelaaruus irra meeshaan Nukleeraa ennaa seenu kun kan jalqabaa ti.Seerri ture foyyeefamuun kun, yeroo prezidaantiin aangoo irra itti turuu kan waggaa shaniif marsaa lama qofa jedhu akka hafuu taasisee.

Kunis prezidaantii haaraan waajiira yoo qabatee qofa hojii irra kan ooluu yoo ta’u, kunis Luksheenkoon marsaa biroof akka dorgooman karaa saaqa.

Yaadawwan Ilaali (2)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG