Xurree ittiin seenan

Breaking News

Beelli naannoo Somaalee Mudate Hamaa dha Ilaalchi Addaas Kenname jedha Mootummaan


Dubartoota bishaan waraabuu dha bahan, Itoophiyaa naannoo Somaalee bakka beelli itti hammaate, Amajjii 26,2016
Dubartoota bishaan waraabuu dha bahan, Itoophiyaa naannoo Somaalee bakka beelli itti hammaate, Amajjii 26,2016

Zooniiwwan mootummaa naannoo Somaalee jiru keessaa hongee dhaan akkaan kan miidhame zoonii sittii ta’uu komiishinierri komiishina hoji geggeessuu balaa gad xiqqeessuu kan itiyoopiyaa obbo Mitikuu kaasaa ibsaniiru.

Kaleessa akka gabaasnetti kanneen bakka bu’oota zoonii Sanaa ti jedhan akka dubbatanitti hongeen sun akkaan hamaa dha jedhan obbo Mitikkuun.

Lakkoobsi uummata zoonii sanaas kuma 575 fi 500 ta’uu isaaf kana keessaa kuma 475 balaa hongeen miidhamuu illee ibsanii jiran.

Mootummaanis haala adda ta’e kanaaf ilaalcha addaa kenneera jedhan komiishinerichi.

Akkuma kaleessa ibsame rakkoon isaa hamaa dha. Kan jedhan Komiishiner Mitukkuun Sababiin isaas roobi yeroo sanatti ni rooba jedhamee eegamu baatii Bitootessaa keessa. Zooniin shinillee haala qilleensa gara baddaa hordofa. Kanaaf jecha Hargee gama bahaa fi Harargee dhiyaa rooba kana argatu.

Muummichi ministeerichaa yeroo darbe naannoo sana ennaa daawwatanitti uummatis kan inni jedhe hongeen sun hanga bitootessaatti waan turuuf jecha ilaalchi addaa nuuf haa kennamu kan jedhu ture jedhan.

Akkuma Kanaan mootummaan itiyoopiyaas ilaalcha addaa kennuu dhaan tokkoffaa ogeessota damee adda addaa irraa ta’an ramadee zooncihaaf deggersi akka godhamu ta’eera.

Naannoo Somaalee zooniilee mara keessatti adda durummaa dhaan gargaarsa midhaan nyaataa kan raabsu sagantaan nyaata addunyaa ta’uu kan ibsan obbo Mitikkuu Kaasaa zoonii kana keessattis hojii irra jireessa kan hojjetu WFP ta’uu ibsaniiru.

Naannolee haga tokko gargaarsi dhaqqabaa hin jiru kan jedhu illee haalaniiru. Roobi arfaasaa darbe sirriitti roobuu dhabuu isaa fi sana dura roobi tures waan hin robin hafeef Itiyoopiyaa keessatti beelli hamaan mudateera. Naannoleen biyyattii beelaan dha’aman illee bal’aa dha. Kanaaf gargaarsa yeroo hatattamaa kanneen eeggatan uummati biyyattii miliyoona 10.2 ga’uun ni yaadatama. Uummata hagas ga’u nyachisuuf illee doolaara Ameerikaa biliyoona 1.4tu barbaachisa.

Har’a addunya irratti lakkoobsi uummata gargaarsa yeroo hatattamaa barbaadu gad xiqqaachaa ennaa adeemutti haalli Itiyoopiyaa maal irra akka jiru gabaasa itti aanutti dhiyeessina jechuu dhaan Meleskachew Amahaa Finfnnee irraa gabaaseera.

Gabaasa guutuu armaan gaditti dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:16 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG