Haleellaa shorokeessotaa Jimaata darbe Paaris irratti raawwatameen booda angawoonni Ferensaay guutummaa biyyattii keessaa namoota 23 to'annaa jala oolchanii jiran. Akka angawootaatti shakkamaa haleellaa lubbuu galaafate kana qindeesse adda baasanii jiran.
Lammii Beeljium hidda dhalata Morokoo kan ta'e Abdelhamid Abaaoud haleellaa namoota 129 galaafachuuf shirame sana hoogganuu mala jedhameera. Angawoonni Beeljium jalqaba waggaa kanaa haleellaa poolisiin fashale qindeesse jechuun hordofamaa ture.
Ferensaay keessaa minisriin dhimma biyya keessaa had sought Abaaoud earlier this year for a foiled terror attack on police.Bernard Cazeneuve har'a ganama ibsa kennaniin poolisii 170 ta'an halkan edaa magaalattii marsanii jiran. kanneen to'annaa jala oolanitti dabaluu dhaan namooni 100 ol ta'an mana akka hin baane ugguramaniiru.
Weerarri poolisiin geggeesses naannoo Toulouse, Grenoble, Jeumont, Lyon fi ganda Parisian kan Bobigny jedhamu keessatti yoo ta'u wayituma kanas rookkeetii, laawncherii, qawwee Kilaashinkoofi fi saqqiiwwan rasaasni hin seenne argamaniiru.