Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bidruu Baddee keessa Kannen Turan Keessaa Reeffii Nama 7 Argamee Jira


Faayilii - Hora Xaanaa, Baahir Daar
Faayilii - Hora Xaanaa, Baahir Daar

Bidruun namoota 13 fe’attee imalaa ituu jirtuu eessa buteen ishee dhabamuun himamee ture sana irraa balaa dhaqqabeen namoonni du’an 7 reeffii isaanii argamuu polisiin beeksisee jira.

Ganda Addisgee irraa gara buufata Donii Gorgoraatti Jimaata dabree galgala imaltuu jalqabdee kan turtee Bidiruun kun akka tasaa eessa buteen ishee dhabamuun eega beekamee kaasee hara xaanaa irra guyyaa lamaaf Bidiruu fi namoota Daakaa beekaniin yaalii dadhabsiisaa gaggefameen reeffii namoota 7 argamuu godiina Gondara waaltaatti waajiita polisii aanaa Dambiyaaf itti aanaa itti gaafatamaa kan ta’an Komaandar Charinnat Asmaare ibsanii jiru.

Reeffii namoota kanaas haroon xaanaa lafa isaan daangeessuu Gorgoraa fi Addisge Dingee kan jedhaman ganda baadiyyaa gidduutti obombooleettin darbatee baasee har’a ganama argamuu ibsan.

Namoota Donii sana koran 13 malee mi’ii biraa fe’amee hin turre jedhamuu Asteer Misgaanaaw Baahir gabaastee jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG