Cabbii,karfaffuu,bubbee fi mucucoon walqabattee ibsee dhaamsitee,karaa cuftee, banaa fi bobbaa nama dhoorti jedhee namii Amerikaa godina qotaa gama Bahaa (East Coast)jiru rifuu keessa jira.
Manneen barnootaa,hagii tokko cufaa, xuyyuura 4500 karaa yaahuu dhowwame.
Jiraattotii naannoo tanaa yoo akkam diqqaate godina Amerikaa 15 keessa jiran cabbii hardha guyyaa walqixxee jalqabee haga Sambataallee cophaa ooltee bultu, balaa guddaa fiduu dandeettan jedhanii duratti ufi qopheessuutti jiran.
Cabbii waan bara hedduu keessatti argani hin beenne jedhanii tanaaf hojjattootii mootummaa fi dhuunfaalleen akka ariifatani hujii fixatanii qahee ufiitit galan itti dhaaman.
Manneen barnootaa naannoo tana jiranilleen tanaa jedhanii ijoollee dafanii galchaa kaan ammoo barusma galgalaa ka cufelleen hinuma jira.
Cabbiin tun Washingiton,DC faa guddoo rakkifti.Baaburaa fi otoobusii karaa fagoo fi dhiyoo yaahulleen keesasttu DC keessatti Sanbata lamaan hin chochohu.
Cabbiin akkanaa tun DC,New Yorki,Baaltimoor faatti waan akkanaa arganiituu hin beekan jedhan.
Akka ogeeyyotii raaga qilleensaa jedhanitti cabbiin harda, Jimaata guyyaa walqixxee haga Sanbata guddaa cophaa bultu tun fulaa tokko tokkotti haga mudhii namaatuu oli dheeratti.Inchii 30-90 taati.
Yoo cabbii ka akkanaa kana hojjattootii bulchiinsa magaalaa ammoo soda karaa irrattti facaasanii cabbie bulbulaanii akka namii karaa irratti hin mucucaanne soda aitti facaasan.
Manneen nyaataa dhugaatii,manneen jireennaa ammoo akka cabbiin karaa manaa irratti hin tuulamne akka haratan seeraatti hajaja.
Yoo cabbii ka akkanaa kana namaa fi makiinaalleen mucucoofuu karaa irra yaahuun dhiba.
Woma taateefuu namuu nyaataa fi dhugaatii guyyaa lamaa sadii tahu bitatee,waan cabbiin karaa fi makiinaa irraa haratu, yembee,hankaafaa fi woma dandahu cufaan harachuuf ufi kurfeessee dhufaatii cabbie qofa eegachuutti jira.