Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biriteen Lammiiwwan Ishee Itiyoopiyaatti Imalan Akka of Eeggatan Akeekkachiiste


Alaabaa Biriteen
Alaabaa Biriteen

Guraandhala 13 fi 14 naannoo shaashamanneetti humnootii mootummaa fi namoota hidhannoo qaban gidduutti walitti buu’iinsi ka’uu isaan namoonni hedduun du’uun waan gabaafameef utuu gamasitti hin imalin dura of eeggannoon akka godhamu mootummaan Briteen lammiiwwan isaa akeekkachiisee jira.

Naannoo Gambeelaa ka Sudan kibbaa waliin wal daangessu Dima, Goge fi Etang kanneen fakkaataniif daangaa sudan kibbaa irraa fageenya kiiloo meetera 10 irraa akka fagaatan illee lammiiwwan isaa akeekkachiisee jira.

Naannolee Oromiyaa keessattis yeroo dhiyoo qabee hookkarri ka’e lubbuu namaa galaafataa daandiinis cufamaa jira. Gamasitti illee utuu hin imalin dura haala jiruuf odeeffannoo akka argatan bakka jamaan itti wal ga’ee jiruuf naannolee mormiin itti geggeeffamu irraa illee akka fagaatan mootummaan Briteen lammiiwwan isaaf akeekkachiisa kenneera.

Waggaa waggaatti lammiiwwan Briteen kuma 20 ta’an Itiyoopiyaa kan daawwatan ennaa ta’u daawwannaaleen kunis rakkoo malee geggeessamaa kan ture ta’uu marsariitii mootummaa Biriteen irratti ibsi maxxanfame kun beeksisee jira

Gabaasni sagalee kunooti
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:01 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG