Industrii muuziqaa keesatti badhaasa Graamii jedhamuun beekamu 67ffaan Dilbata kaleessaa geggeessamee TV CBS irratti kallattiidhan darbe. Los Anjeles keessatti kan qophaa’e sirna badhaasa Giraamii irratti Biyaanseen albama ishii “ Kaawoo Booyi Kaarter” jedhuun badhaafamtee jirti.
"Kabaja guddaa akkan argadhetu natti dhagahama. Kun utuu hin ta'in waggaa hedduu ta'eera,” jette Biyaanseen.
Biyaanseen, dubartii gurraattii sirba gosa Caantrii jedhamu injifatte ishee jalqabaati.
Forum