Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyya Afrikaa tokkotti hafte Senegaalillee hardha 1-0 keessaa galchan taatullee Senegaal barana goolii afur galfattee gurraan galte


Ijoollee Senegaalii mirgaa Kalidou fi Yuusufitti gurbaa Kolombiyaa ka jidduu(Raadamel irratti akkana kubbaa hadha.Tapha kanaan Senegaal 1-0 moohanii dorgomii keessaa baasan.(AP Photo/Martin Meissner)
Ijoollee Senegaalii mirgaa Kalidou fi Yuusufitti gurbaa Kolombiyaa ka jidduu(Raadamel irratti akkana kubbaa hadha.Tapha kanaan Senegaal 1-0 moohanii dorgomii keessaa baasan.(AP Photo/Martin Meissner)

Biyya Afrikaa tokkottiin FIFA 2018 keessatti hafte Senegaalillee 1-0 keessaa galchanii taatullee Senegaal barana goolii afuriin galfattee gurraan biyyatti galte

Nyeencii Tarangaa,gareen Senegaal dhiitachaa hedduu dandamattee asi geette. Tapha FIFA 2018 irratti garee H keessa jirti.Koloombiyaa,Jappaanii fi Polaandiin walti marte.

Afrikaan barana haga dandeettu loltee jabaa walti lakkiftee keessaa galte. Senegaal tapha sadii keessatti goolii afuri galfattee mirgaan galte.

Senegaal Polaandi 2-1 dabsatte,Jappaaniin lanqaasoo jiddee 2-2 walqixxee galte. Kolombiyaan ammoo isii 1-0 moote.

Warra tapha sadeen kana keessatti Senegaalii goolii galche Sadio, Mousa, Tahihgoo fi Mibaayaa.

Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaa baranaa irratti gurbaa Ingilaani Haari Kaneetti goolii 5 galfatee tokkeessoo jiraa, ka Poortugaal Kiristiyaan Ronaaldoo 4 galfatte lammeessoo jiraa ka Beljiyeem Lukaakuulleen goolii 4 faana jira.

Waancaa Kubbaa Miilaa ka baranaa kana ittuma jiranii marroo 45 taphatanii goolii 116 walti galchan. Jabaa hedduutti keessaa galee jabaa hedduutti walti hafe.

Afrikaan duula kubbaa miilaa addunyaa kanaa dhiiraa jajjabduu 115 biyya shan keessaa walti filatte.Biyyitii cufti dhiira 23 sadiin dhufatte.Dhiirtii tun yoo walti deebisan tapha torbaan lamaatti goolii 12 galchiteef.

Federeshiiniin kubbaa miilaa addunyaa FIFA biyya 32 dorgommii baranaatiif dhufan $miliyoona 400 kennuuuf lafaa qaba.Biyyitii tokko mootee dhibaattellee yoo diqqaatee $miliyoona 8 argatti.

Yoo shaampiyoonaa tahee mootummaan galate ammoo miliyoona 38 haratti. Jermeniin ganna 4n duratti doolara miliyoona 35 argatte.Biyyitii itti aante Arjentiinaan miliyoona 25 argatte.

Woma taateefuu amma biyya 16 walti hafee. Jarii kun haga torbaan lamaan dhufaa waluma qoraasee lama keessaa walti hafa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG