Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyya hedduutti nama ufii Chaayinaa baafachutti jira Dhaabi Fayyaa Addunyaa,WHO Vaayireesin Koronaa Fayyaa Addunyaatiif Balaa Jedhee Labse


Director-General of the World Health Organization (WHO) Tedros Adhanom Ghebreyesus speaks next to Michael J. Ryan, Executive Director of the WHO Health Emergencies Programme, during a news conference on the situation of the coronavirus at the United…
Director-General of the World Health Organization (WHO) Tedros Adhanom Ghebreyesus speaks next to Michael J. Ryan, Executive Director of the WHO Health Emergencies Programme, during a news conference on the situation of the coronavirus at the United…

Namii dhukkuba Vaayireessii Korona irratti argan harkii 99 Chaayinaa keessa. Haga ammaatti nama 200 caalatti dhukkuba kanaan lubbuu dhabe.

Nama kuma 10 caalaa irratti argan.Chaayinaa malee dhukkuba kana biyya 18 keesatti argan jara kana keessaa saddeetti namumatti biyya 4tti keessaa walti dabarse. Afran keessaa Germany, Japan, Vietnam, United States.

Akka daarekteri Dhaaba Fayyaa Addunyaa,WHO Tedros Adhaanom jedhetti dhukkubii kun akka malee namatti dabaraa deemuutti jira.Tanaaf Kronaan dhukkuba addunyaa balaa tahe jedhanii labsan.

"Kun dhukkuba fayyaa addunyaa yaaddessuu jedhee labsuutti jira.Vaayireesiin Novel Koronaa Vaayireessi kun balaa addunyaati. Wannii kun balaa addunyaa jennee labsuutti jirruuf waan dhukkubii kun Chaayina akeessa jiruu mitii waan innii Chaayinaallee alatti baheef.”

Akkana jechuun akka doctor Tedoroos jedhetti tanaa jedhanii seera malee deemmaa nama dhowwuu hin malle.

Taatulllee Amerikaan koronaan balaa sadarkaa 4esso jettee nama isii Chaayinaa dhaquu dhowwatte.Dhaabii tohannoo dhukkuba Amerikaa,CDC ammo yoo waan akka malee jajjabduuf deeman malee Chaayinaa hin dhaqinaa jetteee nama biyya isiitti dhaamatte.

Biriitenilleen nama isii keessaa dhiba kana fakkaatu nama lama irratti argite.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG