Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyya Ofii Keessaa Ba'an Iyyu Afaanii fi Aadaan Ofii Dagatamuu Hin Qabu


Biyya Jarmanii keessa waggoota 32f kan jiraate Gazexxessaa Yaareed Terfaa Dibaabaa dhalatee waggaa 10ti maatii isaa waliin gara Jarmaniitti godaane.Yaared Jarmanii eega seenee booda Oguuma gosa adda addaa barate.

Dura ooguuma bittaa fi gurgurtaa bunaa, itti fufee mana barnootaa diraamaa seenuun taatummaa baratee fiilmii keessatti taatoo qooda gaggabaabaa tahee hojjete, wellisuu fi kanneen faffakaatanis hojjetaa ture.

Yeroo ammaa Televiziyoona biyya Jarmanii NDR jedhamu keessatti sagantaa dhiyeessu qaba. San dura Raadiyoo biyyattiif hojjachu isaa kan ibsu Yaareed Kitaaboota lamas barreessee jira.

Dhiyeenya kanas Televiziyoona biyya Jarmanii tokko irratti nyaata oromoo beeksisuuf carraa argateera. Biyya ofii gadhiifnu iyyu afaanii fi aadaan keenya dagatamuu hin qabu jedha Yaareed.

Gaaffii fi deebii kutaa lamaan dhiyaate MP3 tuquun dhaggefadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG