Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyitii hedduun gammachuu ganna haaraa 2021 haga guddaan manumatti itti jiirti


Fireworks explode over Chao Phraya River during the New Year celebrations amid the spread of the coronavirus disease (COVID-19) in Bangkok, Thailand, January 1, 2021.

Addunyaan gamii tokko qophii guyyaa gammachuu bara 2021 tokko hin habmisanii kaan ammoo namii hedduun itti hin dhufu.

Laftii didiqqoon garba Pasifik keessa qubatan Tonga, Samoa fi Kiribati faatii qaata ganna haaraa bara 2021 jalqaban.New Zealand,Australia, Japan,fi Kooriyaa Kibbaatti itti aane.

Warrii magaalaa Auckland, New Zealand fooqii biyya isaanii dheertuu Sky Tower irraa ibsee gugurdoo duumansa tuxxuu fi qaanqee facaafattee ganna haaraa simatte.

Biyyitii tun gammachuu vaayiresii Koronaatiin ufi irraa dhoorteen walti dabalatee ganna haaraa ulfeeffatte.

New Zealanditti koronaan nama 2,162 irratti arganii nama 25ti lubbuun dhabe. Biyyitii hedduun dhiba kana ufi irraa dhowwuuf qophii gammachuu hedduu lakkiftee taanillee diqqeessite.

Awustiraaliyaa lafa namii miliyoon tokko gannuma gannaan qophi ganna haaraa riqaa guddaa Sydney Harbor irraa naannoo mana tiyaatira isaanii beekamaa Opera house irraa oli facaasan daawatu barana manumea daawwatan.

Awustiraaliyaatti muummeen minisetra kutaa New South Wales Gladys Berejiklin akka jettetti barana namii akka durii kaan afaan bisaaniitti yaa’ee ganna haaraa kana hin simatu.

Jermen Berliin koronaaf jettee qophii ganna haaraa naannoo Brandenburg Gate fi naanoo pyrotechnicsitti yaa’ee qaanqee laga Thames irraa halkan oli totokkosanitti hin yaa’u.Amerikaa New Yorkilleetti qophiin gammachuu Time Square barana hin jirtu.

Biraazil Rio de Janeiro,durii nama kuma dhibba hedduutti ganna haaraa simachuuf afaan bisaaniitti yaa’ee muuziqaa caqasaa qaanqee oli facaasan daawwachaa walt sirba.

Yaadawwan Ilaali

XS
SM
MD
LG