Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyonni Alaa Lammiwwan ofii Kaartuum Keessaa Baasaa Jiru


Namoonni Suudaan keesaa baafaman buufata xiyyaaraa Amaan erga gahanii, Ebla 24, 2023. (Suuraa :Khalii Mazraawii/AFP)
Namoonni Suudaan keesaa baafaman buufata xiyyaaraa Amaan erga gahanii, Ebla 24, 2023. (Suuraa :Khalii Mazraawii/AFP)

Biyyoonni addaaddaa dippilomaatotaa fi lammiilee isaanii magaalaa Kaartuum keessaa baasuuf ariifachaa kan jiran yoo ta’u, sababiin isaas waldhabdeen gareewwan walmorkatan lamaan gidduutti itti fufee waan jiruuf jedhamee jira.

Kaanaadaa, Masrii, Faransaay, Jarman, Xaaliyaanii, Siwiidinii fi Ameerikaan biyyoota lammiilee biyya alaa Sudaan keessaa baasuuf xiyyaara fi konkolaataa fayyadaman keessaa ti.

Humni addaa kan Yunaaytid Isteetis hojjettoota Embaasii Amerikaa 70 ta’an Dilbata dabree ganama Kaartuum irraa gara Itoophiyaatti saffisaan baaseera.

Xiyyaaronni Faransaay lama Dilbata kaleessaa Jibuutii keessa kan qubatan yoo ta’u, namoota gara 200 ta’an kan biyyoota hedduu ,Sudaan keessaa baafaman fe’anii turan.

Faransaay lammiilee ishee bahuu barbaadan hunda baasuuf karoorfattee jirti.

Dilbata kaleessaa suuraan Dirooniin Sudaan irraa kaafame akka agarsiisutti, magaalota Bahri, kutaa industirii tokko keessaa aarri ol ka'aa akka jiru agarsiisa ture.

Lola torbee tokkoo oliif humnoota hidhattoota Sudaan fi garee waraanaa saffisaa jedhamuun beekamu gidduutti geggeeffameen booda, namoota nagaa 264 dabalatee namoonni 420 ol ajjeefamanii, 3,700 ol ammoo madaa’anii jiru.

Lammiileen Sudaan humni ibsaa addaan cituu fi tajaajilli intarneetii dhabuu keessatti carraaqaa jiru. Tokko tokko miliquuf konkolaataa fi baajaajiin gara daandii bala’amaa kanaatti bahuun murteessanii jiran.

Waldhabdeen gam lameen gidduutti uumamuun kun, gareen milishaa saffisaa ykn RSF jedhaman, akkamitti waraana biyyatti keessatti makamuu akka qabuu fi qaamni adeemsa kana to’achuu qabu eenyu akka ta’u qaba? Isa jedhu irratti waliigaltee dhabuu irraa madda.

Dhimmi Walitti makamuun kun, waliigaltee ce’umsaa Sudaan hin mallatteeffamiin jiruuf haal-duree ijoodha.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG