Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyonni Dureeyyiin Raashiyaa Akeekkachiisan 


Minsteeroota haajaa alaa biyyoota Torbaa ykn G7 jedhamani, Muddee, 12, 2021.

Addunyaa irratti biyyonni torba kanneen humna dinagdee qabanii fi Deemookraasiin beekaman, Raashiyaan daangaa Yukreen waliin qabdu irratti waraana ishee hedduumiina qubsisuu akka dhaabduuf akeekkachiisan.Ta’u baannaan, dhiibbaan dinagdee guddaan kan ishee mudatuu ta’u ibsan.

Minsteeroonni haajaa alaa biyyoota Torbaa ykn G7 jedhaman kun ministeera dantaa dantaa alaa gamtaa Awuroopaa dabalachuun, Inglaand keessatti walgahuun ibsa walii baasaniin, Raashaan daangaa Yukreen waliin qabdu irratti waraana ishee qubachiisuu fi kana gochuun ishee rakkoo hin qabu jechuu jabinaan dubbachuu ishee irratti balaaleeffannaa keenya tokkummaan beeksiifna jedhan.

Diploomaatonni kun kan Yunaaytid Isteetes, Kaanaadaa, Faransaayii, Jarmanii, Xaaliyaanii fi Jaapaan ennaa ta’an, Raashiyaan haala jiru qabaneessuun furmaata kanaa Diploomassi hordoofuun sochii waraanaa kan ilaaleen ifa taasisuun seera addunyaaf waadaa seentee akka kabajjuuf gaafatan.

Angawoonni tikaa kan Yunaaytid Isteets Raashiyaan gara jalqaba waggaa haaraa seenuuf jiru kanatti Yukreen irratti haleellaa gama bahaan banuu maltii. Kanaaf waraana kuma 70 ta’u, daangaa irraa qubsisaa jirti jedhau.

Prezidaantiin Raashiyaa Vlaadmiir Putiin weerara kana gaggeessusuf murteessanii jiru jedhamee hin amanamuu.Akka seera addunyaatti, humna waraanaa gargaaramuun, daangaa jijjiruun dhorkaa dha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG