Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyoonn Afur Dhimma Sudaan Ilaalchisuun Ibsa Baasan


Namoota hiriira mormii Muddee 6, 2021 Kaartum keessatti doghame irratti argaman keessa
Namoota hiriira mormii Muddee 6, 2021 Kaartum keessatti doghame irratti argaman keessa

Saud Arabiyaa, tokkummaa Emireetota Arabaa, Yunaayitid Isteetisii fi Briten walii galtee siyaasaa Sudaan kan Sadaasa 21 irra ga’ame kan Dr. Abdallaa Hamdook gara taayitaa muummicha ministeerummaatti akka deebi’an taasise kan isaan jajjabesse ta’uu ibsanii jiran. Akka galmee heeraa bara 2019 irra taa’ee jirtutti kun, rakkoo siyaasaa Sudaan hiikuuf akkasumas biyyattii gara daandii ce’umsa dimokraasiitti geessuuf tarkaanfii jalqabaa ti.

Kanneen walii galtee kana mallatteessan waadaa seenan akka kabajan yaadachiifna jedha ibsi kun. Gama kanaan hidhamtoonni siyaasaa hiikamuu isaanii galateeffachuu dhaan kanneen mormitoota irratti tarkaanfii humnaa fudhatan seeraan akka gaafatmu kan taasisu koreen dhimma isaa qoratu akka hundaa’u gaafannaa jedha ibsichi. Labsii yeroo hatattamaa ta’ee jirus dhiyeenyatti kaasuuf cicha jiru amannee hojii irra akka oolu ni gaafanna.

Saud Arabiyaa, tokkummaa Emireetota Arabaa, Yunaayitid Isteetisii fi Briten kanneen ce’umsa dimoktaatawaa sudaan keessaaf hojjetan mara gargaaruuf qophee ta’uu keenya mull’isna jedha ibsi kenname kun.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG