Walwaraansa sudaan keessaatti ittii fufee jeruu keessaa lammiilee isaanii baasuudhaaf biyyoottan addaa addaa tarkaanfii fudhachuu itti fufanii jiru. Dilbata dheengaddaa fi Wixata xiyyaaraawan waraan biyyoottan Awurooppaa, walakeessaa bahaa, kan Afrikaa fi Eshiyaa lammiilee biyyaa alaa sudaan keessaa baasuudhaaf Samii Sudaan irraa marmaaraa oolan.
Akuma Kanaan lammiileen keeniyaa wareen marsaa jalqabaa xiyyaaraa waraanaa umnna qileensa keeniyaatiin sudaan irraa kaafaman wixataa kaleessaa galgalaa magaalaa Naayiroobii Yemuu seenan ministeerri ittisaa mootummaa Keniyaa Aden Du’ale simachuun isaanii gabaasameera.
Akkka ministirri dhimmaa alaa mootummaa Keeniyaa jedhetti, sagantaan lammiilee biyyaa isaanii sudaan keessaa baasuu marsaa Sadiitti qoodamee itti fufee jiraa. Barattoonii lammiilee keeniyaa Sudaan keessatti barachaa turan 29 karaa lafaatiin daangaa Itiyoophiyaa seenuun isaaniis beekameera. Karaa biraatiin, biyyii Eshiyaa jaappaan, xiyyaaraa umnaa qileensaa fayyadamuudhaan lammiiwwan ishee 45 Sudaan keessaa ergaa baaftee boodaa, qibxataa har’aa immoo umnii waraana Fraans buufataa xiyyaara waraanaa Kaabaa magaalaa Kaartuumitti argamuu irraa hojjatootaa Embaasii fi maatiiwwan isaanii dabalatee, lammiilee Jaappaan 8 kaasuu isaanii Muumichi ministeraa Jaappan Fuumi’oo Kishiidaa ibsaniiru.
Sochiin lammiilee biyya alaa Sudaan keessaa baasuu karaa galaanaa iraaniis yemuu itti fufee jiru kanatti, dooniwwan umna galaanaa Sa’udi Arabiyaa namoottan 189 fe’ee buufataa doonii “ kiing Faayisaal” isaa Jidaatti argamuu gahuun isaa ibsameeraa. Haanga’onii biyyatti akka jedhanitti namoottan kana keessaa 10 lammiilee Sa’udii yemmuu ta’an wareen biraa immoo lammiile biyyoottan adda addaati.
Yunaayitid Isteets hojjatootaa embaasii 70 ta’an ergaa Sudaanii baasitee boodaa ,lammiilee biyyatii Sudaan keessa jiran 16,000 baasuudhaaf haalii mijachaa jiraachuu isaa gorsaan dhimmaa nageenya biyyaalessaa Jaak Suliivaan ibsaniiru. Yunaayitid Kiingdem hojjatootaa embaasii 30 fi lamiilee ishee Sudaan keessaa jiran 2000 baasudhaaf umnaa waraanaa 1200 ta’an Siisheels keessaa qubachiifetee akka jirtu gabaasameera.
Firaans lammiilee biyyoottan 36 dabalaatee namoottan 491 Sudaan keessaa baasudhaan gara Jibutiitti yemuu geesitu, Jarman gamaa isheetiin lammiilee biyyoottan 20 dabalatee namoottan 400 xiyyaarota umna waraanaa Afuriin kaasuu ishee ministeerri dhimmaa alaa biyyatii Anaaleenaa Ba’erbook ibsanii jiru. Kaneen keesaa namoonii 27 lammiiwan Awustiraaliyaati.
Ixaaliyaan namoottan 200 kan baaftee yemuu ta’uu Ispeen gama isheetiin Lamilee Arjeentiinaa, Kolombiyaa, Meeksikoo dabalatee namottan 127 kaasuun ishee beekameera. Lammileen Siwidinii fi Deen maark 388 Firaansii kan kaasamanii jiru.
Lammiilee bulgaariyaa 21, Giriikonii 15 lamiileen Afrikaa kibbaa 77, lammilee Palastaayin 72 , lammileen Kooriyaa Kibbaa 28,lammiileen Jordaan 343, kan sudaan keesaa bahan ta’uu isaa Maddii oduu Assooshiitid Prees/APn gabaasee jiraa.
Kanadaan, Siwiizeerlaand, Noorwey, Poolaand, Bulgaariyaan, Tarkiin, Giriik, lammiiwwan isaanii alkkofsaa garaa garaa qaban baasanii jiru.
Maddii oduu mootumaa Masir MENA jedhamee beekamuu gama isaatiin, lammiilee Masir kuma 10 ta’an karaa buufata doonii Sudaanin baasuun yaalamaa akka jiru ibsuu isaa APn dabalee gabaaseeara.
VOA&AP/BD/DHW
Forum