Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyottan Miseensa NATO lolaaf qophaawaa jiru


Jeettii waraanaa F-16 jdhamu ka Iriishi buufata waraanaa Siyalii, Amajjii 28, 2022
Jeettii waraanaa F-16 jdhamu ka Iriishi buufata waraanaa Siyalii, Amajjii 28, 2022

Raashaan Yukireeniin Wereeruu dandeessi yaadaa jedhuun biyyoottan Miseensaa NATO ta’an loltootaa fi meeshaalee waraanaa garaa Awurooppaa bahaatti ergaa jiru. Yunaayitid isteets loltoonni ishee kumaatamaan lakkaawaman akka qophaawanii ajaja eeggatan beeksisteeti.

Akka gabaasinii Henery Ridgwell VOAdhaaf qopheesse jedhutti miseensaa NATO kan taate biyyi Deen maark Xiyyaara waaanaa F-16 jedhaman 4 biyyaa Lithuniyaa keessaa qubachiisuudhaan daangaa qileensaa biyyoottan naannoo Baaltik jedhamee beekamuu eeguu irratti hirmaachaa jiru.

Fraans loltoota ishee Romaniyaa keessatti kan bobaafte yemuu ta’uu Spaiin, Nizerlaandi fi Jarman immoo akka itti yaadaa jiran gabaasameera. Ingilaand Meeshalee Farra Taankii ta’an Yukireeniif erguu ishee beeksisteeti.

Rashaan daangaa Yuukreen irratti waraanaa kumaa dhibaan lakkaawamu Kuusachuu isheetiin alatti, loltootaa kumaatamaan Lakkawan hirmaachisuudhaan biyyaa Beellarus wajiin shaakalii waraanaa taasisuudhaaf karoorfateete akka jirtu gabaasameera.

Dhimaaa Raashaa fi Yukreen irratti manni maree nageenyaa dhaabata mootummootaa gamtoomanii ergaa dubbatee booda Ministirri dhimmaa alaa Yunaayitid isteets Antoonii Bilinken fi Ministirri Dhimma alaa Raashaa Sargey Laviroov qibxata har’aa bilbilaan maryachuudhaaf ksleessa wal beelamuun isaanii ibsameera.

Prezidaantiin Yunaayitd isteets Joo baayiden yaaliin Diplomaasii akka dursuu qabu ibsanii Yukireen keessatti maal iyuu taanan biyyii isaanii qophooftuu ta’uu ishee dhaadataniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG