Ministeerrii haajaa alaa Yunaaytid Isteetes Antonii Bliinkan Wiixata har’a gara Awustraaliyaatti imaluuf kan jiran yoo ta’u kunis marii nageenyaa biyyiita 4 giddutti gaggeeffamuuf ta’uun beekamee jira.
Dhimmootii nageenya galaana irraa fi saaybarii irratti mari’achuun kutaa Hindii fi paasifiik giddutti weeraraa fi humnaan sodaachisuu gaggeeffamu ittisu irratti kan fulleefatan ta’u ministriin dantaa alaa Ameerikaa hubachiisee biyyonni arfan marii nageenyaa gaggeessan kun Awustraaliyaa, Hindii, Jaapaanii fi Yunaaytid Isteetes ta’uun ibsamee jira.
Bliinkan mummicha ministeeraa fi ministeera haajaa alaa kan Awustraaliyaa waliin akka dubbachuuf jiran akkasumas mummicha ministeera Hindii aangawoota gameeyyii ka biroo waliin waa’ee dhimmootii walii isaanii gidduu fi kan addunyaa irratti iddoo duraa qabatan irratti dubbachuuf akka jiran ibsii ministriin dantaa alaa Amerikaa Jimaata dabree baasee beeksisee jira.