Raashiyaan tarkaanfii haala hammeessuu kan Yukreen irratti fudhattu kan ilaaleen har’a akeekkachiisa kan keennan ministeerrii haajaa alaa Amerikaa Antonii Bliinkan, bifa haaraan weerarrii gaggeessituus daafoo hamaa kan dhaqqabsisuu ta’u dubbatan.
Bliinkan gita isaanii kan Laatviyaa waliin tuuta oduuf ibsa kennaniin Raashiyaan humnootii ishee gara daangaa Yukreen waliin qabanti sossosuu ishee Yunaaytis Isteetsiin akkaan yaaddeessee jira.
Ministeerrii dantaa alaa Yunaaytid Isteetes Antonii Bliinkan biyya Laatviyaa kan seeenan yoo ta’u kunis hogganoota biyyatti fi ministeeroota Neetoo waliin wal ga’uuf akka ta’e ibsamee jira.Raashiyaan daangaa Yukreen waliin qabdu irratti waraana ishee ijaaraa kan jirtu ta’uun yaaddeessaa ta’u Neetoon beeksisee ture.
Raashiyaan waraana ishee gara daangaa Yukreen waliin qabdutti butuu ishee kan ilaaleen yaaddoon inni uumee kan ilaaleen Kibxata har’a fi Robii borii mariin gaggeeffamuuf jira.
Kana malees Bliinkan barreessaa duree Neetoo Jeens Stoleenbarg waliin marii ministeerootaa dura har’a dubbachuuf jiru.
Prezidaantiin biyyatti Levits qondaala Neetoo Stoolanbarg waliin wiixata kaleessaa eega dubbatanii booda tuuta oduuf akka ibsanti, waraannii Raashiyaa iddoo sanatti argamuun, Yikreen irratti kallattiin dhiibbaa kan qabaatu ta’u fiNeetoon Yukreen waliin tokkummaan akka dhaabatu beeksiisan.
Stolanbarg Raashiyaan muddamsa naannoo snatti fiddee akka hanqiiftu gaafatanii tuttuqqaan lafa hin jirreetti waraana ijaaruun hiika hin qabu jedhan.