Xurree ittiin seenan

Breaking News

Boba’aa Raashaa Irraa Dhufu Harka Caalaa Dhaabuuf Gamtaan Awurooppaa Waliigalee Jira


Yaa'ii hoggantoota Awrooppaatti mummeen ministiaa Iyerlaan gabaastotaaf ibsa yeroo kennan, Caamsaa 30, 2022

Gamtaan Awurooppaa boba’an Raashaa Awuroopaa akka hin sennee ugguruun akka isheen duula waraanaa Yukreen irratti gaggeessituuf qabeenyaa fi maallaqa xiqqaa akka argattu taasiisa jechuun qondaallii imaammata alaa kan Gamtichaa Josep Boreel har’a ibsanii jiru.

Hogganoonnii gamtaa Awuroopaa Wiixata kaleessaa Raashaa irratti dhiibbaa gochuuf jecha, zayiita boba’a Raashaa irraa seenuu 3 keessaa harka 2 ugguruuf walii galan. Uggurri kunis zayiita booba’aa Raashaan karaa galaana irra ergiitu ittisuun kan karaa ujjummoo boba’an dhaqqaban qofa ehame.

Prezidaantiin Yukreen Volodmiir Zeleenskii Wiixata kaleessaa ganama gamtaa Awuroopaaf haasawaa dhageesisaniin, iyyata isaanii irra deebi’uun dhiyeessan.

Hogganoonni gamtaa Awurooppaa Yukreeniif Doolaara Biliyoona 10 biyyatti dinadee fi biyyatti deebisanii ijaaruuf kan ooluu kennuuf walii galan.

Walgahii guyyaa lamaaf ture kun Kibxata har’a xumuramee jira.Mariin kunis, waa’ee madda eneerjii ittisaa fi wabii nageenyaa irratti akkasumas waa’ee Yukreen irratti qiyyaafachuun gaggeessaa ture.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG