Xurree ittiin seenan

Breaking News

Boordiin Filannoo Hooggana Paartiin Baalderaas Kaadhimummaan Galmeessuuf Adeemsa Jiru Jalqabuu Beeksise


Obbo Iskindir Naggaa dabalatee kanneen hidhaa keessa jiran miseensonni hooggana paartii Baalderaasiin filannoof adeemsi kaadhimummaan galmeessuu jalqabamuu boordiin filannoo beeksisee jira.

Boordichi, hoogganni paartichaa bakka isaan itti dorgomaniif maxxansiisee kan ture waraqaa filannoo miliyoona 1.3 ta’u akka gubamu ajaja dabarsuu isaa ibsee jira. Boordichi kana kan beeksise kamisa har’aa mana murtii federaalaa dhaddacha dhimmootii filannoo tokkoffaaf ibsa kenneen ture.

Dura teessuun boordii filannoo aadde Burtukaan Miikeksaa dhaddachichaaf akka himanitti, paartiin Baalderaas kana dura bakka kaadhimamtoota galmeessisee turee, namoota akka filannootti dhiyaatan barbaadu akka beeksisiu karaa waajjira isaanii gaaffiin dhiyaateeraaf.

Akkuma kanaan paartichi guyyaa kaleessaa kaadhimamtoota haaraa dhiyeeffachuu isaa beeksisaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG