Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Ministeeraa Biriteen Booris Joonson Prezidaantii Rashiyaa Waliin Mari’atan


Muummichi ministeeraa Biriteen Booris Joonsen fi Pirezdaantii Raashiyaa Vilaadmir Putin, Amajjii 19, 2020
Muummichi ministeeraa Biriteen Booris Joonsen fi Pirezdaantii Raashiyaa Vilaadmir Putin, Amajjii 19, 2020

Muummichi ministeeraa Biriteen Booris Joonsen, rakkoo daangaa Raashiyaa fi Yukireen ilaalchisee jiru furuuf amma iyyuu malli dipilomaasummaa akka jiru nan amana erga jedhanii guyyaa tokko booda roobii har’aa hoogganaa Raashiyaa Vilaadmir Putin waliin bilbilaan mari’atanii jiran.

Joonsen kibxata kaleessaa mgaalaa galma mootummaa Yukireen Kiiyviin ennaa daawwatanitti, Raashiyaan loltoota ishee 100,000 ol naannoo daangaatti walitti qabuun, tarii jireenya keenya keessatti jibbiinsa Yukireeniif jiru isa guddaan jiraachuu mul’isa jedhan.

Joonsen Yukireen mnirga hiree ofii murteeffachuuf qabdu kan deggeran ta’uu ibsanii, yoo Raashiyaan Yukireeniin weerarte michoonni gama dhiyaa uggura irra kaa’uuf qophaa’uun jibba Raashiyaf jiru mul’isuu utuu hin taane, deggersa Yukireeniif jiru mul’isuu dha jedhan.

Joonsen akka jedhanitti Raashiyaan boodatti deebitee daandii diplomaasummaa filachuun baay’ee barbaachisaa dha. Sun immoo ammas ni danda’ama jedheen amana jedhan.

Prezidaantiin Turkii Recep Tayyip Erdogan prezidaantii Yukireen Volodymir Zeleneskii waliin waliin mari’achuuf Kiiviin ennaa daawwatanitti kamisha dhuftu dhiibbaan karaa diplomaasummaa itti fufuuf jira.

Gorsaa gameesse Erdogan, Irbaraahim Kaliin har’a gorsaa nageenya biyyoolessaa Yunaayitid Isteetis Jake Sulivaan wlaliin mairi’ataiii jiran. Ibsi dhaabbata nageenya biyyoolessaa Ameerikaa biraa ba’e, lamaanuu mala diplomaasummaa itti fufiinsa qabu kan fedhanii fi haleellaa itti dabalaa Raashiyaan Yukireen irratti ooftu dura dhaabbachuuf gamtaan yaalii godhaniif cicha qabaachuu isaanii cimsanii yaadachiisaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG