Xurree ittiin seenan

Breaking News

Briteen Baqattootaa Ruwaandaa Deebisuu Dhaabdeeti


FAAYILII - MAna murtii magaala Landan keessaa ka dhimmi baqattoota Rwaandaa geessuu itti laallamaa ture fundura barreeffama murticha balaaleffatu, Biriteen, Waxabajjii 13, 2022

Ergaa mannii murti mirga namoomaa Awurooppaa murtoo dabarsee booda mootummaan Briteen baqatootaa lammiilee Ruwaandaa fedhii isaanii malee biyyatii deebisuudhaaf tarkaanfii fudhachuuf jiruu dhabuun isaa ibsameraa.

Baqatootaa lammii Ruwaandaa kana biyyatti deebisuudhaaf balaliin xiyyaaraa qibxataa kaleessaa galgalaaf qophaa’ee ture, akka dhaabatuu kan ajajaee manii murti mirga namoomaa awuroopaa namoottan koola galtummaa gaafachaa jiran yoo biyyaa keessaa baqatanii bahaniitti deebifaman, midhaan irraa deebi’amee sireessuu hin danda’amnetuu irra gahuu danda’a jedheeraa.

Manni murtichaa tarkaanfii kana kan fudhatee ogeeyonni seeraa mirga koola galtootaatiif falaman gaaffii dhiheesaniin akka ta’e ibsameeraa.

Ministirri dhimaa alaa Briteen Lizii Truus, ol iyyaannoo booddee namoonii bahuudhaaf qopheesaan akkka bahu irraa hin oolle dubachuun isaanii himameera.

Muumeen ministeeraa Brtiiteen Booriis Joonsen gama isaaniitiin, imaamataa isaanii irratii mormiin cimaan akka taasifamaa jiru ergaa ibsaanii booda

Jedhaniiru.

Namoottan fedhii isaanii malee Ruwaandaatti deebi’an gargaarudhaaf mootummaan Briteen, mootummaa Ruwaandaatiif doolaaraa miiliyoonii 158 kennuun isaa gabaasameera.

XS
SM
MD
LG