Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bubbee Hamaan Yeroo Isaa Hin Taanee Kutaalee Amerikaa Mancaasee Jira 


Riik Folii, jiraataa oggaa 70 mana isa amancahe dura taa'ee jiru, Kentukii, Yunaaytid Isteetes, Muddee 11, 2021
Riik Folii, jiraataa oggaa 70 mana isa amancahe dura taa'ee jiru, Kentukii, Yunaaytid Isteetes, Muddee 11, 2021

Jimaata dabree Kutaalee Yunaaytid Isteetes 6 kanneen gama kibbaa fi gidduu galeessa dhiyaa keessatti bubbee hamaan yeroo isaa malee dhufeen lakkoobsii namoota du’anii hanga Dilbata kaleessatti dabalaa jira.

Angawaan gargaarsa yeroo htattamaa tokko akka jedhanti, namoonni lubbuun hafan ni argamuu abdii jedhu qabu.

Badiin dhaqqabe Kutaa Kentaakii keessatti hamaa yoo ta’u warshaan Dungoo ykn shaamaa omishuu kan Meeyfiild keessaa barbadaa’ee namoota hedduutu du’e.

Bulchaa kan ta’an Andii Basheer akka jedhanti, yoo namoonni lubbuun hafan argaman, kun waan ajaa’ibsiisaa dha .

Kaampaanii Dungoo sana keessaa namoonni 8 du’uun Dilbata kaleessaa kan mirkanaa’ee yoo ta’u, kanneenbiroon 8 eessa buuteen isaanii dhabamee jira jedhan dubbii himaan warshichaa.Hojjattoota warshaa kanaa kan walii galaaa 110 keessaa 90ni argamanii jiru.

Baatii Muddee keessa kan hin baratamnee bubbee hamaan kun, lafa fageenya kiloo meetra 365 kan Arkansaa, Iliinoyis, misisiippii, Mizurii Tennasii fi Keentaakii dhahee jira.

Badiin Keentaakii keessatti dhaqqabee bal’ina lafaa Kiloo meetra 321 irratti ta’uun ibsamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG