WAASHINGITAN, DIISII —
Prezidaantiin Yunaaytid Isteetes Donaald Traamp fi haatii warraa isaanii Melaniyaan wiixata har’a kutaa Floridaa bakka balaa obomboleetti hamaa Maaykil jedhamuun miidhaa dhaqqabsisee ilaaluuf gamasitti imalaa jiru.
Waayit Hawuus sagantaa daw’annaa Traamp gad fageenyaan hin ibsine.Namoota balaa Kanaan miidhamanii lubbuun hafan ykn eessa buteen isaanii dhabame hojjatonni baraarsaa arguuf yaalaa yeroo jiranti daw’annaan prezidaantichaa dhaga’ame.
Traamp ergaa gama Twitariin har’a ganamaan erganiin kutaa Jorjiyaa keessatti naannoo balaa Kanaan miidhamanis daw’achuuf jiru.
Obomboleettiin rooba makatee kun kutaa Floridaa qabee hanga kutaa Varjiniyaatti du’a yoo xiqqaate nama 17f sababaa ta’eera.