Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsii Naannoo Ummattoota Kibbaa Adoolessa 15,2011 Jalqabee Hajaja Waraana Federaalaatiin Bula


Hawassa
Hawassa

Wal dhaba dhiyoo tana godina Sidaamaa,Hawaa fi fulaa akka akkaatii himan nama kurnya hedduutti irratti lubbuu dhabee nama hedduutti madaa’e. Qabeenna hedduutti bade.

Wal dhabii kun gaafii ummati Sidaamaa naannoo mataa ufii qabaachuuf gaafate irraa dhufe.

Mootummaan Itoophiyaa gaafii ummata Sidaamaa "deebisuuf irratti hojjachuutti jiraa hagasitti obsaa," jedhee gaafachaa bahe.Namilleen tana irratti wal falmee waranaa fi ijoolleen kahimaa wal dhaban laftii jeequmsa hamaan dhufe.

Bulchootii mootummaa naannoo kibbaalleen akka mootummaan federaalaa rakkoo tana dhaabuuf nagaa naannoo eeguuf gaafatan.

Ogeeyyotii Yuniversiti Hawaasaa naannoo isaanii hajaja waraanaatiin bultu tana irratti ammoo yaada akka akkaa qaban.

Dr., Kebbedee Teklee Mikaa’el hajajii kun biyya nagaatti deebisa jedha.Akka jehca isaatti wannii qaraa asi aanaa nagaa biyyaati.

“Mootummaan waan mootummaa naannoo gaafate irraa fuudhee hojjachuun waan dansaa. Hujiin waraanaa guddoon nagaa lafaa eeguu. Nageennii guddaan ammoo mariin dhufa.”

Obboo Filaataa Giggisoo barsiisaa seeraati akka jecha isaatti naannoon tun hajaja seera waraanaatiin buluu hin malle.

Akka jecha isaatti amma laftii nagaatti deebi’uutti jirti jirti.

“Wannii kalee,hardhaa fi guyyaa dheenaddaa waan komaandi poostii namatti yaamsisaatii miti.Adoo silaa waraanii mootummaa ummata Sidaamdaa karuma nagaatiin wa gaafate tuquu baatee rakkoon tun hin dhuftu.Lafa amma nagaa tahuutti jiru kana waraanaan bulchina jechuun seera malee.”

Naannoon Kibba haga yoomii hajaja waraanaa jala akka ammatti wannii beekamte hin jirtu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG