Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsi Baayiden Ennaa Vaayiresiin Omkiroon Faca’aa Jirutti Ulaagaa Imalaa Cimaa Kaa’uuf Qopha’aa Jira


Bulchiinsi Baayiden weerara vaayiresii oronaa Omikroon jedhamuu ittisuuf yaalii taaisamuun, namoota gara Yunaayitid Isteetis seenan mara qorannaa cimaa geggeessuuf qophaa’uu isaa beeksise.

Caasaaleen oduu akka jedhanitti, bulhiinsichi namni martinuu kan ynaayitid Isteetisiin seenu guyyaa tokko gara Ameerikaatti imaluu isaa dura qorannaa COVID 19 akka geggeessan gaafata. Angawoonis imaltoonni martinuu erga Yunaayitid Isteetis seenanii booda guyyaa torbaaf qofaatti akka of baasuun yoo irra jiraate akkasumas erga imalaa deebi’anii booda guyyoota sadii hanga shanii gidduutti deebisanii qorannaa akka geggeeffatan kan jedhu mari’ataa jiran.

Prezidaant Joo Baayiden haasaa isaanii bor dhageessisan keessatti tarsiimoo jiru ibsu jedhamee eegama.

Yunaayitid Isteetis torban darbe erga vaayiresiin Omikroon jalqaba biyyoota Afriikaa kibbaa keessatti argamee as biyyoota namootii ala irraa dhufan irra uggura imala ka’an kan lakkoobsi isaanii dabalaa jirutti makamtee jirti.

Kan babal’ataa dhufe weerara vaayiresii haaraa kanaan kan ka’e balaliin sadarkaa addunyaa gara biyya ishee dhaquuf jiru matinuu hanga xumura baarii Muddeetti yeroof akka dhaabatu daandii balalii xayyaaraa maratti beeksisuu ishee Jaappaan kaleessa akka ibsitetti ibsitee jirti. Tokyoon namni lama vaayiresii kanaan qabamuu mirkaneessitee jirti.

Saud Arabiyaa fi Naayijeeriyaan erga vaayiresiin kun torban darbe Afriikaa kibbaa keessatti argamee as biyyoota vaayiresiin kun keessatti argame yoo ta’u, lakkoobsa biyyoota vaayireii haaraa kana biyya ofii keessatti arganii 22 ga’ee jira.

Jaramayaan fayyaa addunyaa WHOn akka jedhetti uggurri imalaa kun biyyoonni odeeffannoo barbaachisaa ta’e kan eegumsa fayyaa akka hirmaatanii fi gabaasan irratti danqaa waan uumuuf dhiibbaa kaa’a.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG