Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsi Mootummaa Amaaraa Himannaa Bulchiinsi Naannoo Tigiraay Dhiyyeesse Fudhatama Dhabsiise


FAAYILII - Magaala Baahir Daar, Naannoo Amaaraa, Sadaasa 06, 2020.
FAAYILII - Magaala Baahir Daar, Naannoo Amaaraa, Sadaasa 06, 2020.

Bulchiinsi mootummaa Yeroo kan Naannoo Tigiraay gaafa Bitootessa 16 bara 2016 Akka Lakkoofsa Itiyoophiyaatti Mootummaan naannoo Amhaaraa bakkoota humnaan qabatee jirutti kitaaba barnootaa seeraan ala maxxansiisuun barsiisaa jira jechuun himate Bulchiinsi mootummaa naannoo Amaaraa kufaa taasisuun hinumaayyuu Ibsichi walitti bu’insa kan kakaasu jedheera.

Ibsi bulchiinsa mootummaa naannoo Amhaaraa ghar’a baase bulchiinsi yeroo mootumaa Naannoo Tigiraay naannoolee Amahaaraa bakkoota tokko tokkotti waantoota jeequmsa kaasuu danda’an raawwachaa jiras jedheera. Haala kanaanis Bulchiinsi mootummaa yeroo kan naannoo Tigiraay guyyaa kaleessaa Bitooteessa 18, bara 2016 gandoota aanaa Raayyaa Allammaaxaatti sochoo’uun namoota nagaa ajjeesaniiru jechuun Ibsi mootummaa naannoo Amaaraa beeksiiseera.

Ibsi mootummaa yeroo Tigiraay dhugaawwan lafarra jiran xiyyeeffannoo keessa kan hin galchine kan jedhe ibsi mootummaa naannoo Amhaaraa bakkoota amma Kitaaboonni barnootaa itti raabsamaniiru jedhamanitti waggoota soddoma darbanirraa jalqabee uummatichi mirgi ofiin of bulchuu isaa akka kabajamuufif gaafachaa tures jedheera. Bulchiinsi yeroo kan naannoo Tigiraay madda rakkoo nageenyaa biyyattii irraa of haa qusatu kan jedhe ibsi bulchiinsa mootummaa naannoo Amaaraa tapha kaartaa keessaa ba’uun fedhiin uummataa hojiitti akka hiikamu hojjechuu fi mariin akka taasifamuu haala mijeessuu qabas jedheera. Yaadoota biyya tokko ijaaruu fi tokkummaa uummataa eegsiisan dhiyyeessuu qabas jedheera.

Wal falmii fi ibsa walirratti baasaa jiraachuu bulchiinsa mootummaa naannooa Tigiraay ii fi Amaaraa kan ilaaleen Ministira Komunikeeshii mootummaa Itiyoophiyaa bilbila harkaa isaaniirratti bilbilee hin ka’u jechuun Dasseerraa Masfin Arraageetu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG