Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsi Yeroo Kan Tigraay Mootummaan Walii Galtee Lola Dhaabinsaa Akka Tolchu Gaaffii Dhiyeesse


Magaala Maqalee (suuraa faayilii_
Magaala Maqalee (suuraa faayilii_

Mootummaan yeroo kan Tigraay mootummaan federaalaa namummaa bu’uura kan godhatee fi miidhaa itti dabalaa bifa hin dhaqqabsiisneen walii galtee lola dhaabinsaa akka tolchu gaaffii dhiyeessuu isaa beeksise.

Hoji raawwachiisaan bulchiinsa Tigraay kan yeroo Dr. Abrahaam Belaa tajaajila oduu Itiyoopiyaaf akka ibsanitti yeroon gannaa seenaa waan jiruuf qonnaan bulaan Tigraay tasgabbaa’ee hojii qonnaa akka hojjetu, gargaarsi namoomaa gargaaramtootaaf rakkoo tokko malee akka dhaqqabu, Furmaata siyaasaa yeroo isaan walgitu argamsiisuuf mootummaan federaalaa walii galtee lola dhaabinsaa akka tolchu gaafatameera.

Bulchiinsichi y6eroo torban darbe mul’inatti gaafficha kan dhiyeesse, haala yeroo kan naannoo ilaalchisee bakka bu’oota uummataa naannoo, miseensota waajjiraalee fi hooggana godinaalee, dhalattoota Tigraay bakka adda addaa jiran, hayyoota Tigraay, abbootii qabeenyaa fi abboota amantii waliin marii walitti aanu erga geggeessee booda jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG