Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiisa Naannoo Tigraay Magaalaalee Tokko Tokko Keessatti Hiriirri Mormii Gaggeeffamaa Jira


A map delineates past areas of conflict between Ethiopia and Eritrea.
A map delineates past areas of conflict between Ethiopia and Eritrea.

Paartiin Itiyoophiyaa bulchaa jiru IHADIG walii galtee Aljersii fi murtii komishinni daangaa dabarse kan ilaaleen murtoo dabarsee jiraattonni magaalaa Baadimmee fi naannoo ishee mormuun har’a hiriira ba’anii jiran.

Koreen hojii raawwachiiftuu IHADIG walii galtee fi murtii darbee guutummaatti akka fudhatu hojii irra akka ooluufis akka hojjatu eega ibsee

Hiriirrii Toora tokkoo magaala Iroobii fi Badime keessatti dhuma torban darbee gaggeeffamuu gabaafamee jira.Magaalaa Maqalee keessatti guyyaa kaleessaa murtiin hogganoota biyyoota lamaanii uummata irratti kufaatii geesisaa ture sana boodas uummannii waltajjii nagaa sagalee ofii itti dhageesisuu barbaada jechuun mariin uummataa dargaggonni lama qopheessan gaggeeffamee jira.

Gama kaaniin haala kana waliin wal qabateen miseensoonni koree gidduu gala kan adda bilisummaauummata Tigraay (Tplf) kaleessaa qabee walgahii hatattamaa gaggeessaa jiru.Manni marii IHADIG murtii daangaa dabarse irratti akkasumas dhimmootii kanneen biroo irratti mari’ataa kan jiru ta’u Alam Fisseha Maqalee Irraa Gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG