Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchoti USA Haasaa Biyyolessaa State of The Union Baranaa Irratti Yaadaan Guddoo Wal Dhaban Harka Wal Fuudhu Didan Waraqata Wal Irraa Ciran


Pelosi SOTU
Pelosi SOTU


Pirezidaantiin harka fuudhuu didee afi'yaa'iin waraqata innii irraa dubbise ciccirte
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:52 0:00

State of the Union,SOTU haasaa pirezidaantii Amerikaa gannatti marro tokko kongireesii Amerikaatii dubbatu.

Dubbii suniin karoora mootummaa isaa,waan mootummaa isaa hojjatee fi rakkoo jirtuu fi waan hedduu haasaha.

Yoo pirezidantiin Kongireessii olu oli seenu pirezidaantii dhufee simahdhaa jedhanii afi yaahiitti mana mariitti himan

Pirezidaanti Tiraampi amma eegii biyya bulchuu jalqabee ganna afreesso keessa jira.Jireennnii Amerikaa haga bara kana tolee tolee hin beeku jedhe

"Namii haga ganna 50 asi hagana baran argate hujii argatee hin beeku.

Bara keessa malee bara pirezdiaantii tokkollee akkana namii hujii argatee hin beeku.Tanaafuu addunyaalleen waan nu keessa jirru argite.”

Gama kaaniin ammoo pirezidaantii Amerikaa kana faayidaa keessaa argachuuf seera cabse jedhanii gargaarsa kongireessiin Amerikaa Yukireenii kenne doolara miliyoona dhibba hedduu irraa qabe jedhanii himachuutti jiran.

Manii Marii Amerikaa Nancy Pelosi itti gaafatmatuu taate waaan isaan himatu nama itti qixeeffate gara ji’a lamaatiin duratti senetii Amerikaatti dabarse.Senetii paartii Rippaabilikaanitti harkaa qaba.

Pirezidaanti Tiraampi dubbii eda galgalaatti waan isaan himata maqaa hin dhoomne taatullee haasaa eda galgalaa irratti afi yaa’ii mana marii Amerikaa harka fuudhee dide.

Isiilleen waraqata haasaa pirezidaanti Tiraampi sun fuutee ciccirte.

“Adoo silaa mala bultii Amerikaa mootummaan dabre akka malee yarse sun jabeessinee oli qabuu baannee jabeenna Amerikaa ka addunyaan amma maadeffattu kana hin arginu,”jedhe Tiraampi..

Amerikaan gara ji’a 10n duubatti pirezidaantii filatti.Pirezidaanti Tiraampi hujii irraa fudhachuuf nama hedduutti dorgommii irratti wal mixichuutti jira.

Amma nama harka 49tti hujii pirezidaantii kanaa jaalateef.Haasaa kalee galgalaatiin haga guddaan woma biyya keessaa dubbate. Mala jireennaa,caasaa fayyaa Amerikaa,fi vaayireessii Koronaa kkf.

“Waan Vaayireessii kornaa ka lafatti bafatee kana Chaayinaa waliin akka dansaa hojjachuutti jirra.Bulchiinsii mootummaa kiyyaa fayyaa ummataa keennaa akka dansaa tissaaf.”

Tana maleellee Tiraampi waan himaammata mootummaa isaallee hedduu dubbate. Tana keessaa nama akka innii jedhetti Venezuheelaa,Juan Guaido bulchuu qaba.

“Amerikaan cuftii qabsoo bilisummaa Venezuelaa waliin jirti.Sooshalizimiin biyya balleessiti, bilisummaan nama cufaa walqixeessitee walti fiddi.”

Tana maleellee pirezidaanti Tiraampi waan biyya bulchoota mataa jajjaboo qaban jedhe ka akka Iraan faallee dubbate.

“Iraan nukileera waraana isii dhiiftee, addunyaa goosuu,nukilera waraanaa dhaabdee jireenna ummata isii wayyeessuuf hojjachuu maltee jedhe.”
Amerikaan rakkoo jidduu gala bahaatiin akka jecha Tiraampitti Amerikaan fala haaraa argatte.

“Namii hujii dhabee wal hadhaa karaa ijoolleen kahimaa miliyoona hedduu hujii argattuun dhahuu malle,” jedhe.

Demokriaatotii haasaa pirezidaanti Tiraampi waan hedduun falman.Bulchituun godina Michigan, Gretchen Whiter pirezidaantiin Twitter irratti nama arrabsuun biyyaa fala hin taatu jedhe.

"Twitteriin nama gooyyessuun fala hin taatu isumaa rakkoo jirti hammeessitiiyyuu,” jedhe.

Jireennii Amerikaa ka faarsan kun akka Bulchitun godina Michigen Gretchen Whitmer jettetti jireenna guddoo faarsanii miti.

“Namii Amerikaa miliyoonaa hedduu fala jireennaa dhahuutti jira.Mindaan yoo geejjiba,liqee fi barnoota,inshuraansii keessaa baasan womaa harkatti hin hafan. Hojjataan miidhamuutti jira.Godina kiyya,godina ollaa kiyyaa fi ollaa hedduutti namii mindaa diqqaan jiraata. Yoo pirezidaanti jireennii namaa akka malee tolee jedhu jireenna dureeyyii moo jireenna eennu haasahuutti jira.Namii amerikaa guddoo miidhame.Mala jireenna ahaaraa qabaachuu malle.”

Pirezidaanti Tiraampi haasaa irraa bahee jennaan itti aanaa isaa, Miike Pensi dubbisee Afi yaa’ii Mana Maree Amerikaa Naansii Peloosii ammo harka fuudhuu dide.Paartiin Demokiraati haasaa pirezidaanti Tiraampi kana hin jaalanne.

Itti gaafatamtuun Mana Maree Amerikaalleen ‘tanatti isaa male’ jettee warqata Tiraampi irraa dubbise tatartsaafte ciccirte.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG