Mootummaa Federaalaa fi humnoota Tigiraay gidduutti ,walii galtee Pritooriyaa irratti naannolee falmisiisoo jechuun kan Ibsamanii fi waraana Kaaba Itiyoophiyaa booda bulchiinsa haaraa hundeeffaman hanga Waxabajjii 30tti diiguu dhaan buqqaatota qe’ee ofiitti deebisanii bulchiinsa haaraa hundeessuuf walii galtee irra ga’ameera jedhan Itti aanaan Pirezidaantii bulcinsa kan Yeroo Naannoo Tigiraay Letenaanti Jeneraal Taaddesee Werredee sabaa himaa naannoo sanaaf roobii har’aa ibsa kennaniin .Waraana Tigraay ilaalchisee qaama diddaa agarsiistu jira jechuun kan hoogganoonni mootummaan federaalaa dubbatan qeeqaniiru.
Letenaa Jeneraal Taaddeseen akka jedhanitti dhiyeenya hooggana ol aanaa raayyaa ittisa biyyaa Itiyoopiyaa waliin raawwatiinsa walii galtee Pritooriyaa irratti guyyoota lamaaf mari’atameera. Lammiiwwan qe’ee irraa buqa’an deebsuuf illee karoorri ba’ee mariin geggeessamuu ibsanii yeroon kun itti raawwatamu kaa’amuu isaa ibsaniiru jechuun Maqaleerraa Mulugeta Atsbehaa tu gabaase.
Forum